Qoodmaan Bajata Haqa Qabeessaa Naannoleef Darbuun Jijjiiramni Qabatamaan Dhufeera-Af-Yaa’ii Aganyoo Tashaagar - ENA Afaan Oromoo
Qoodmaan Bajata Haqa Qabeessaa Naannoleef Darbuun Jijjiiramni Qabatamaan Dhufeera-Af-Yaa’ii Aganyoo Tashaagar

Waxabajjii 02/2017(TOI-Jijjiirama biyyoolessaan Booda Qoodmaan Bajata Haqa Qabeessaa NaQoodmaan Bajata Haqa Qabeessaa Naannoleef Darbuun Jijjiiramni Qabatamaan Dhufeera-Af-Yaa’ii Aganyoo Tashaagarannoleef Darbuun Jijjiiramni Qabatamaan Dhufeera-Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar ibsa.
Waltajjiin Maree Qooda Fudhattoota Federaalaa fi Naannoo Haala Bajannii Deeggarsaa Akeeka Murtaa’aa Qaban itti darbuu fi Qoodmaa Galiiwwan Waloo Irratti Xiyyeeffate Kan Manni Maree Federeeshinii Qopheesse Taa’amaa Jira.
Waltajjii marichaarratti Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii AganyooTeshaagar, pirezidaantiin naannoo Oromiyaa fi mana maree federeeshiniitti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimma deeggarsa baajata fi galiiwaliinii obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee Pirezidaantonni Naannoolee hundaa, Kantiiboonni Bulchiinsa Magaalota hundaa fi Ministironni hirmaataniiru.
Af-yaya’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar haasaa baninisa waltajjichaa taassisaniin jijiirama biyyoolessaa booda naannoolee giduuutti qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa uumuuf hojiiwwan adda addaa hjojjetamaniiru jedhaniiru.
Jijiirama biyyoolessaa dura naannooleen qoodinsa baajata galii waliinii birrii biiliyoona 4 qaban yeroo ammaa birrii biiliyoona 70 Caaluu kaasaniiru .
Raabsa baajata deeggarsaa ifaa fi haqa qabeessa gochuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamuu fi jijiiramni qabatamaan dhufuu ibsaniiru.
Deegarsa kaayyoo murtaa’aa qabanii iftoomina hojmaataa fi hanqina hojiirra oolmaa irratti ka’an hiikuuf qorannoon gaggeeffamuu kaasaniiru .
Mootummaan naannolee deeggarsa mootummaa federaalaa irraatii taassifamuufii dhaabbilee dhimmi ilaallatuuf iftoominaan beeksisuu akka qaban hubachiisaniiru .
Qorannoowwan Rakkoolee Dabarsa Bajata Deeggarsaa Kaayyoo Murtaa’aa Akkasumas Qoodamiinsa Galiiwwanii Rooyaaliitii dhaabbilee Albuuda Baay’inaan Oomishanii Irratti Mul’atan Ilaalchisuun Taasifaman Waltajjicharratti Dhihaatanii Nimari’atama.