Madin Itiyoophiyaan Waancaa Piriimerliigii Fudhachuusa Mirkaneesse - ENA Afaan Oromoo
Madin Itiyoophiyaan Waancaa Piriimerliigii Fudhachuusa Mirkaneesse

Caamsaa 02/2017 (TOI)- Madin Itiyoophiyaan Yeroo Jalqabaaf Waancaa Piriimerliigii Fudhachuusa Mirkaneesse.
Tapha Torbee 34ffaa Har’a Waaree dura Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Taphatameen Maqalee 70 Indartaa fi Bunni Itiyoophiyaa Tokko Walqixa Bahaniiru.
Bunni Itiyoophiyaa Qabxii Qooddachuusaatiin Madin Itiyoophiyaan Osoo Taphni Sadii Isa Hafuu Waancaa Piriimerliigii Itiyoophiyaa Fudhachuusaa Mirkaneesseerra.
Madin Itiyoophiyaan Bara Dhufu Itiyoophiyaa Bakka Bu’uun Shaampiyooonsi Liigii Kaaf Irratti Nihirmaata.
Bunni Itiyoophiyaa Qabxii 56n Sadarkaa Lammaffaarratti Argama.
Maqalee 70 Indartaan Qabxii 38n Sadarkaa 15ffaa Qabatee Sadarkaa Gadi Bu’aa Keessa Jira.
Sagantaan Torbee 34ffaa Sa’aatii Boodas Itti Fufuun Walwaaloo Addigiraat Yuunivarsiitiin Magaalaa Hawaasaa waliin Guyyaa Sa’aatii 9tti, Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa Waliin Galgala Sa’aatii 12tti Nitaphatu