Filannoon Biyyaalessaa Torbaffaan Teeknooloojiin Deeggaruuf Hojiileen Hedduun Hojjetamaa Jiru

Waxabajjii 02/2017 (TOI)-Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Filannoo Biyyaalessaa Torbaffaa Teeknooloojiin Raawwachuuf Hojiilee hedduu Raawwachaa Akka Jiru Beeksise..

Kanneen Keessaa Karoorri Galmee Kaadhimamtootaa fi Filattootaa Karaa Teeknooloojii Raawwachuuf  Qabame Ni’eerama.

Boordichi Qophii Teeknooloojii itti Jiru Ilaalchisee Hooggantoota Paartii siyaasaa Garagaraa waliin Marii Taasisuun Galtee Walitti Qabuuf Finfinneetti Waltajjii Gaggeessaa Jira.

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa MeelaatWarq Hayiluu Wayita Kana Akka Jedhanitti, Boordichi Sirna Bulchiinsa Filannoo Teeknooloojiin Deeggarame Hojeessuuf Hojjechaa Jira.

Filannoo Biyyaalessaa Torbaffaa Kanaan Galmee Kaadhimamtootaa fi Filattootaa Teeknooloojiin Raawwachuuf Appilikeeshiniiwwan Barbaachisan Hojjetamuu Dubbataniiru.

Haala Kanaan Galmeen Kaadhimamtootaa Guutummaatti Karaa Teeknooloojii Akka Ta’u Eeranii, Hojmaanni Kun Baasii, Yeroo fi Humna Kan Hir’isu Ta’uu Ibsaniiru.

Appilikeeshiniin Kunneen Boordii Biyyaalesaaa Itiyoophiyaan Kan Hojjetaman Ta’uu Eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015