Kilaboonni Yaaddoo Gadi Bu’uu Keessa Jiran Nitaphatamu - ENA Afaan Oromoo
Kilaboonni Yaaddoo Gadi Bu’uu Keessa Jiran Nitaphatamu

Waxabajjii 02/2017 (TOI)-Sagantaa Piriimer Liigii Itiyoophiyaa Torbee 34ffaan Har’a Taphoonni Sadii Nitaphatamu.
Maqalee 70 Indartaa fi Bunni Itiyoophiyaa Ganama Sa’aatii 3 fi Walakkaatti Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Nitaphatu.
Maqalee 70 Indartaan Qabxii 37n sadarkaa 16ffaa qabatee Sadarkaa Gadi Bu’aarra Jira.
Gareen Kun Yoo Mo’ateTapha gadi Bu’uu Jalaa Bahuuf Taasisuuf Qabxii 3 Argamsiisaaf.
Morkataansaa Bunni Itiyoophiyaa Qabxii 55n Sadarkaa Lammaffaarratti Argama. Gareen Bunaa Yoo Mo’ate Liigichaan Tapha Lamaa Booda Gara Mo’annaatti Akka Deebi’u Isa Taasisa.
Gareen Kun Yoo Mo’ame Ykn Walqixa Yoo Bahe Liigicha Dursaa Kan Jiru Madin Waancaa Mo’achuusaa Mirkaneessa.
Guyyaa Sa’aatii 9tti Walwaaloo Addigiraat Yuunivarsiitiin Magaalaa Hawaasaa Waliin Nitaphata.
Liigicharraa Kan Gagu Bu’e Walwaaloo Addigiraat Yuunivarsiitiin Qabxii 19n Sadarkaa dhumaa 18ffaa irra Jira.
Magaalaan Hawaasaa Qabxii 44n Sadarkaa 7ffaa Irra Jira. Garichi Taphoota Liigichaa 10 Darban Hinmo’amne.
Sagantaa Xumuraa Guyyaa Har’aatiin Baankiin Daldala Itiyoophiyaa fi Hadiyyaa Hoosaa’inaan Galgala Sa’aatii 12tti Nitaphatu.
Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Qabxii 40n Sadarkaa 11ffaa qabateera. Garichi Yoo Mo’ate Tapha Liigichaa saddet Booda Gara Mo’annaatti Akka Deebi’uu fi Sadarkaa Gadi Bu’uurraa Akka Fagaatu Isa Taasisa.
Qabxii 44n Sadarkaa 9ffaarraa Kan Jiru Hadiyyaa Hoosaa’inaan Taphoota Liigichaa Afur Darbaniin Hinmo’amne. Tapha Kana Mo’achuun Gara Injifannootti Isa Deebisa.
Qabxii Sadii Argachuun Yeroofis Ta’u sadarkaa 4ffaatti Akka Qabatu Isa Taasisa.