Raayyaan Cimaa fi Amansiisaan Ga’umsa Olaanaa fi Gootummaan Teeknooloojii Ammayyaa Hidhate Ijaarameera-Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan Cimaa fi Amansiisaan Ga’umsa Olaanaa fi Gootummaan Teeknooloojii Ammayyaa Hidhate Ijaarameera-Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Caamsaa 30/2017(TOI)- Raayyaan Cimaa fi Amansiisaan Ga’umsa Olaanaa fi Gootummaan Teeknooloojii Ammayyaa Hidhate Ijaarameera Ijaaramuusaa Etaamaajoor Shuumiin Humnoota Waraanaa Waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa Ibsan.
Jiddugalli Leenjii Olaanaa Izzii Duula Addaa Bilaattee Komaadoowwan Koorsii Karaamaraa Marsaa 43ffaa Har’a Eebbisiiseera.
Itiyoophiyaan Raayyaa Ittisaa Amansiisaa fi Kan yeroo kamiiyyuu Caalaa Fooyyee Qabu Ijaaruushee Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa Sirna Eebbaarratti Dubbataniiru.
Raayyaan Ittisaa Haala Walirraa Hincinneen Qophaa’ummaasaa Cimsa Fi Dandeettiisaa Guddisuusaa Mirkaneessaniiru.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Itti Fufuun, Diinonni Seenaas Ta’an Baanonni Ergamtoonni Badiin Itiyoophiyaa fi Ummatasheef Hawwan Hinmilkaa’u Jedhaniiru.
Raayyaan Cimaa fi Amansiisaan Ga’umsa Olaanaa fi Gootummaan Teeknooloojii Ammayyaa Hidhate Ijaarameera Jechuun Ibsasniiru.
Itiyoophiyaan Raayyaa Dandeettii Qabuu fi Hidhannoo Ammayyaa hidhate Ijaaruuf hojiiItti Jirtu Cimsitee Ittifufti Jedhaniiru.
Raayyaan Dandeettii Fooyya’aa qabu Ijaaraa Jiru Borus Birmadummaa fi Tokkummaa Biyyaa Eegsisuuf qophiin Taasisu Cimee Akka Ittifufu Beeksisaniiru.
Eebbifamtoonni Haraas Leenjii Yeroo Mana Leenjii Turanitti Argatanitti Fayyadamuun Ga’umsa Olaanaa fi Naamusaan Ergamasaanii Bahuu Akka Qaban Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa Hubachiisaniiru.
Itti Aanaan Etaamaajoor Shuumii Humnoota Waraanaa Waliigalaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa fi Qondaaltonni Waraanaa Olaanoon Akkasumas Bulchaan Nannoo Kibba Itiyoophiyaa Xilahun Kabbadaa Sagantaa Eebbaarratti Argamaniiru.