Misoomni Kooriidarii Magaalaa Bishooftuu  Akkaataa Yaad Rimee ‘Smaar Siitii’ Dhugoomsuun Hojjetamaa Jira

Caamsaa 30/2017(TOI)- Misoomni Kooriidarii Magaalaa Bishooftuu  Akkaataa Yaad Rimee ‘Smaar Siitii’ Dhugoomsuu fi Wiirtuu Tuuristii Xiyyeeffannoo Keessa Galchuun Hojjetamaa Jiraachuu Manni Qopheessaa Magaalichaa Beeksise.

Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu Waggaa Darbe Sadarkaa Riijioopooliitaantiin Caaseffamuunshee  Kan Yaadatamu Yoo Ta’u Magaalota Hojiin Misooma Kooriidaraa Haala Gaariin Keessatti Hojjetamaa Jiran Keessaa tokko Ta’uun Eerameera.

Hojii Gaggeessaan Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Gabree Dhaabbii TOItti Akka Himanitti, Hojiin Misooma Kooriidaraa Magaalattii Inisheetiivii Addaatiin Hojjetamaa Jira.

Bulchiinsi Magaalichaa Hojii Jalqabuun Dura Hooggansa, Jiraataa fi Qooda Fudhattootaaf Hubannoo Uumuun hojiitti Galamuu Dubbataniiru.

Misooma Kooriidaraaf Jecha Manneen Dhuunfaa, Mootummaa fi Daldalaa Diiguun Gamatti Sararoota Ibsaa, Telekoomii fi Bishaanii Qindoominaan Ofeeggannoon Akka Kaafaman Taasifamaa Turuu Ibsaniiru.

Misoomni Kooriidarii Daandii asfaaltii  KM. 24, Ujummoowwan Ammayyaa Dhangala’aan Ittiin Dhabamsiifamu, Qargara Daandii Miidhagsuu fi Bakkeewwan Magariisaa, Daandii Bishkileetii fi Lafoo Akka Ofkeessaa Qabu Ibsaniiru.

Keessumaa Ibsaan Telekoomii fi Kaameeraan Nageenyaa Karaa Ammayyaatiin Misooma Kooriidaraa Waliin Walsimanii Akka Diriirfaman Taasifamaa Jiraachuu Himaniiru.

Misoomni Kooriidarii Magaalaa Bishooftuu Irra Caalaa Akkaataa Yaad rimee ‘Smaar Siitii’ Magaalattii Dhugoomsuu fi Wiirtuu Tuurizimii Ta’uushee Xiyyeeffannoo Keessa Galchuun Raawwatamaa Waan Jiruuf Hojichi Bifuma Kanaan Hojjetamaa Jira Jedhan.

Bishooftuun Uumamaan Kan Badhaatee fi Haroowwan Torba Kan Qabdu Ta’uu Yaadachiisanii, Hojiin Misooma Kooriidaraa Hawannaa Magaalattiin Uumamaan Badhaate Irratti Miidhagina Dabalataa Karaa Uumuun Hojjetamaa Jira Jedhaniiru.

Raawwiinsaa Akkaataa Karoorfameen Ta’uu Hojii Gaggeessaan Kun Kaasanii, Jiraataan Magaalaa, Dureeyyii fi Qooda Fudhattoonni Hirmaannaa Bal’aa Taasisuusaanii Dabaluun Ibsaniiru.

Itti Aanaan Itti Waamamaa dhaabbata Misooma Kooriidaraa GorsaaTa’uun Hordofu Mahaandisa Kibabaa  Bayyanaa, Misoomni Kooriidaraa Kun Yeroo Ammaa Harka 65 Raawwatamuu Himaniiru.

Hojiin Misooma Kooriidaraa Daandii Asfaaltiin Gamatti, Daandiin Lafoo Meetira Shan, Daandiin Bishkileetii Meetira Sadii Sararri Ibsaa Lafa Jala Diriirfamuu fi ‘Smaar Pool’ Ofkeessaa Qabu Hojjetamaa Jiraachuu Dubbataniiru.

Magaalattiitti Jiraataan Aanaa Dhakaa Booraa Obbo Gabii Waariyoo, “Misooma Kooriidaraa Kanaan Daandiin Bal’ifamaa Jira, Magaalaan Haaromfamaa Waan Jiruuf Hojii Kana Deeggaraa Jirra” Jedhaniiru.

Keessumaa Bakkeewwan Magariisaa Ijaaramaa Jiran Jiraataan Qilleensa Gaarii Kan Itti Argatuu fi Dhimmoota Hawaasaa Biroo Bakka Itti Raawwatu Waan Ta’eef Hojiin Kun Jijjiirama Guddaa Fidaa Jiraachuu Eeraniiru.

Daandii Asfaaltii Dabalataa Dabalatee Misooma Kooriidaraa Kanaan Daandiin Lafoo Ijaaramaa Jiraachuu Kan Dubbatan Ammoo Magaalichatti Jiraataa Kutaa Magaalaa Dukam Obbo Minishaa Dajanee Jedhamu.

Hojiin Misooma Kooriidaraa Akka Si’atu Deeggarsa Barbaachisu Taasisuu Akka Itti Fufan Dubbataniiru.

Barattuu Seenaa Kaasahun Gamasheetiin, Paarkiin Jiddugaleessi Sababa Misooma Kooriidaraan Ijaarame Jiraataaf Bakka Aara Galfii Ta’uu  Eertee, Miidhaginni Naannawichaas Dabalaa Dhufuu Dubbateetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015