Akkaataa Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaatiin Hidhattoota Hatattamaan Hidhannoo Hiiksisuun Hawaasatti Akka Makaman Godhamuu Qaba-Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasiingaa - ENA Afaan Oromoo
Akkaataa Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaatiin Hidhattoota Hatattamaan Hidhannoo Hiiksisuun Hawaasatti Akka Makaman Godhamuu Qaba-Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasiingaa

Caamsaa 30/2017(TOI)- Akkaataa Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaatiin Hidhattoota Hatattamaan Hidhannoo Hiiksisuun Hawaasatti Akka Makaman Gochuun Akka Barbaachisu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasiingaa Ibsan.
Hidhattoonni Duraanii Naannoo Tigraayi Leenjii Haaromsaa Akka Fudhatan Taasifamuun, Dhiheessiin Deeggarsa Namoomaa fi Hojiileen Deebisanii Dhaabuu Bu’aa qabatamaa Waliigaltee Nageenyaa Ta’uun Akka Fudhataman Ta’uunsaanii Milkaa’inoota Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaan Argaman Ilaalchisuun Gabaasa Raawwii Guraandhala 2017 Irratti Mariin Wayita Taasifame Ibsamuun Niyaadatama.
Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaan Booda Mootummaan Federaalaa Baankiin, Daandiin Qilleensaa fi Bilbila Dabalatee Dhaabbileen Tajaajilaa Hedduun Naannichatti Hatattamaan Hojii Akka Eegalan Taasifamuun, Bu’uraaleen Misoomaa Deebi’anii Ijaaramuunsaanii Ummanni Bu’aa Waliigaltee Nageenyaa Akka Argu Taasiseera.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Baatii Muraasa Dura Ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Kennanniin, Akkaataa Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaatiin Bu’uraalee Misoomaa Deebisuun Ummanni Tigraayi Tajaajila Akka Argatu Gochuun Akka Danda’ame Eeranii Yaadicha Cimsaniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Amerikaa Erviin Maasiingaa Turtii Itiyoophiyaa Waliin Taasisaniin, Waliigalteen Piriitooriyaa Waraana Naannoo Tigraayi Ture Dhaabsisuun Qooda Bahe Dinqisiifataniiru.
Naannoo Tigraayi Deddeebi’anii Daawwachuusaanii Kan Ibsan Ambaasaaddar Maasiingaan, Ammas Taanaan Waliigalticha Guutummaan Hojiirra Oolchuurratti Hojiileen Hedduun Akka Hafan Dubbataniiru.
Naannoo Tigraayitti Nageenya Waaraa Buusuuf Waliigaltee Piriitooriyaa Guutummaan Hojiirra Oolchuun Akka Barbaachisu Ambaasaaddarichi Ibsaniiru.
Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Yeroo Tigraayi Duraanii Geetaachoo Raddaa Ibsa dhiheenya Kennaniin, Hojiirra Oolmaa Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaatiin Buqqaatota Deebisuu fi Hidhattoota Deebisanii Dhaabuun Kan Gufate Rakkoo Keessoo Keenyaatiini Jechuunsaanii Niyaadatama.