Manneen Maree Mootumaa Dhaabuu Keessatti Qooda Olaanaa Qabu - ENA Afaan Oromoo
Manneen Maree Mootumaa Dhaabuu Keessatti Qooda Olaanaa Qabu

Caamsaa 30/2017(TOI)- Manneen Maree Mootumaa Dhaabuu Keessatti Qooda Olaanaa Akka qaban Mana Maree Federeeshiniitti Barreessituun Koree Dhaabbataa Hariiroo Mootummootaa, Tokkummaa Demokiraasii fi Barsiisa heera Mootummaa Adde Banchirgaa Mallasaa Ibsan.
Waltajjiin Maree Hooggantoota Koree Dhaabbataa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Mata Duree “Hariiroon Mootummootaa Ijaarsa Mootummaa Cimaa fi Qooda Manneen Maree” Jedhuun qophaa’e Adaamaatti Taa’amaa Jira.
Keessumaa Hariiroo Mootummootaa Cimsuun Hanqinoota Guutuun Sirna Federaalaa Sabdaneessaa Bu’ura Cimaarra Dhaabuuf Nigargaara Jedhaniiru.
Manneen Maree Raawwii Hammattoolee Hojmaataalee fi Seeraa Hariiroo Mootummootaa Tumuuf Bahanii Hordofuuf Shoora Olaanaa Akka Qaban Dubbataniiru.
Ijaarsi Mootummaa Akka Dhugoomuu fi Sirni Federaalaa Sabdaneessaa cimsuuf Xiyyeeffatamee Hojjetamuu Akka Qabu Hubachiisaniiru.
Hariiroo Mootummootaa Cimsuuf, Nageenya Waaraa Cimsuu fi Misooma Saffisiisuuf Akkasumas Hawaasa Dinagdee Tokko Uumuufis Akkasuma.
Sadarkaa Ministiraatti Daarektarri Olaanaa Inistiityuutii Seeraa fi Haqaa Ambaasaaddar Daggifee Bulaa Gamasaaniin, Ijaarsa Mootummaa Cimaa Dhugoomsuuf Hariiroon Mootummootaa Walhubatee fi Qajeeltoorratti Hundaa’e barbaachisa Jedhaniiru.
Keessumaa Mootummoota Jidduu Wal Amantaan Akka Cimu, Nagaa Cimsuu fi Misooma Fullaasuuf Qooda Fudhattoonni Qoodasaanii Bahuu Akka Qaban Himaniiru.