Godina Gujiitti Hojiileen Ashaaraa Magariisaa Ongee Jalaa Bahuuf Hojjetaman Jijjiirama Fidaa Jiru

Caamsaa 30/2017(TOI)- Godina Gujiitti Hojiileen Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ongee Jalaa Bahuuf Waggoottan Darban Hojjetaman Jijjiirama Fidaa Jiraachuu Waajjirri Qonnaa Naannichaa Ibse.

Waajjirichatti Dursaan Garee Qabeenya Uumamaa Obbo Wandoo Sharbottee, Godinichatti Waggoottan Darban Biqiltuuwwan Garagaraa Lafa Heektaara 22 Irratti Dhaabamuu Ibsaniiru.

Biqiltuun Dhaabaman Hirmaannaa Ummataan Kunuunfamanii Bal’inaan Qabachuu Dubbataniiru.

Biqiltuun Dhabaman Biqiltuu Bosonaa, Muka Gaaddisaa, Nyaata Loonii fi Biqiltuuwwan Muduraa Ta’uu Fakkeenya Kaasaniiru.

Ongee fi Naannawa Qullaatti Hafe Misooma Fulla’aan Damdamachuuf Baranas Biqiltuu Miiliyoona 87 caalu Dhaabuuf Qophiin Taasifameera.

Aanaalee 13 Keessatti Lafti Sababa Namtolchee fi Uumamaan miidhame heekaara kuma 20 caalu Biqiltuu Dhaabuuf Qophaa’uu ibsaniiru.

Waajjirichatti Dursaan Garee Bulchiinsa Bosonaa Obbo Tewoodiroos Gabree, Xiyyeeffannoon Asharaa Magariisaaf Kenname Naannawa Gullaatti Hafe Baraaraa Akka Jiru Ibsaniiru.

Hojii godinichatti Hojjetameen Maddeen Gabbatanii Waggaa Amma Waggaatti Yaa’aa Akka Jiranii fi Beelladoonni Bosonaa Dahannoo Dhabanii Baqatan Deebi’aa Akka Jiran Dubbataniiru.

Uwwifni Bosonaa Godinichaa Waggaa 6 dura Hekataara Kuma 274 gadi Ture Gara Heektaara Kuma 382tti Guddachuu Eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015