Ganna Baranaa Godinichatti Hojiileen Tajaajila Tola Ooltummaa Garagaraa Nihojjetamu - ENA Afaan Oromoo
Ganna Baranaa Godinichatti Hojiileen Tajaajila Tola Ooltummaa Garagaraa Nihojjetamu

Caamsaa 30/2017(TOI)- Ganna Baranaa Godina Shawaa Lixaatti Dargaggoota Hojiilee Tajaajila Tola Ooltummaa Garagaraatti Galchuun Hojiileen Ummata Fayyadamaa Taasisan
Hojjechuuf Qophiin Xumuramuu Waajjirri Dargaggootaa fi Ispoortii Godinichaa Beeksise.
Dargaggoonni Godinichaa TOIn Haasofsiise Tajaajila Tola Ooltummaarratti Hirmaachuuf Gareen Ta’uun Qophaa’uusaanii Eeraniiru.
Gaggeessaan Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Godina Shawaa Lixaa Obbo Misgaanaa Kabbadaa Akka Ibsanitti, Ganna Kana Dargaggoota Hojii Tola Ooltummaarratti Hirmaachisuun Hojiileen Ummata Godinichaa Fayyadamoo Taasisan Nihojjetamu.
Tajaajiloonni Eegumsa Naannoo, Biqiltuu Dhaabuun Meeshaalee Brnootaa Walitti qabuun, Barnoota Keessa Deebii, Dhiiga Arjoomuun, Eegumsi Fayyaa, Mana Manguddootaa Haaromsuu fi Haaraa Hojjechuun Hojiilee Tola Ooltummaa Keessaayyu Jedhaniiru.
Hojii Kanaan Dadhabootaa fi qaama Miidhamtoota hedduu Fayyadamoo Taasisuuf Karoorfamuu fi Qooda Fudhattoota waliin Qindaa’uun Akka Hojjetamu Dubbataniiru.
Himaattota Tajaajila Kanaa Keessaa Jiraataan Aanaa Tokkee Kuttaayee Shamarree Daraartuu Galataa Akka Jettetti, ‘Hiriyyoota Keenya Waliin Gurmoofnee Guyyaa Sagantichi Itti Eegalamu Eegaa Jirra’ Jetteetti.
Bardheengaddaa Barumsa Keessa Deebii Barsiisuu fi Dhiiga Arjoomuun Tajaajila Tola Ooltummaarratti Hirmaachuushee Ibsiteetti.
Mana Dadhabootaa Suphuu fi Hojii Biroorratti Akka Hirmaatu Kan dubbate Ammoo Dargaggoo Birhaanuu Hundeessaa Jedhama.
Ganna Kana Hiriyyootasaa Waliin Ta’uun Hojii Tola Ooltummaa Rakkina Furanirratti Akka Hirmaatu dubbateera.
Dargaggoo Hirphasaa Tafarraa Gamasaatiin, Hiriiyyootasaa Waliin Ta’uun Ganna Kana Dhiiga Arjoomuu, Mana Manguddootaa Haaromsuu fi Ijaaruu, Duula Ashaaraa Magariisaa Irratti Hirmaachuuf Qophaa’uusaa Ibsera.
Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaatiin Hojii Namoomaa Hojjechuuf qophaa’uushee Kna Ibsite Ammoo Shamarree Sarkaalam Wandasan Jedhamti.