Ofisaroonni Danbii Kabachiisan Dirqamasaanii Sirnaan Bahuuf Ummata Waliin Hojjechuu Qabu-Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Ofisaroonni Danbii Kabachiisan Dirqamasaanii Sirnaan Bahuuf Ummata Waliin Hojjechuu Qabu-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Caamsaa 30/2017 (TOI)- Ofisaroonni Danbii Kabachiisan Dirqamasaanii Sirnaan Bahuuf Ummata Waliin Hojjechuu Akka Qaban Kantiibaa Adaanech Abeebee Hubachiisan
Abbaan Taayitaa Danbii Kabachiisaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Ofisaroota Paaraa Miliitarii Marsaa 6ffaaf Leenjise Har’a Eebbisiiseera.
Ofiisaroonni Eebbifaman Kuma 2 fi 74 Yemmuu Ta’an Baatii Lamaaf Yuunivarsiitii Poolisiitti Leenjii Poolisii fi Tiwoorii Leenji’aniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, Itti Aanaan Kantiibaa fi Hoogganaan Biiroo Misooma Industirii Janxiraar Abbaayi, Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nagaa Fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa, Hojii Gaggeessaan Olaanaa Abbaa Taayitaa Danbii Kabachiisaa Finfinnee Kumaalaa Zarihun Tafarraa, Itti Aanaan Komishinar jeneraalii Komishinaraa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa fi Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaa Masfin Abbabaa Dabalatee Komishinaroonni Poolisii fi Miseensonni Hooggansaa Magaalatti Sirna Eebbaarratti Argaaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Wayita Kana Akka Jedhanitti, Hojiileen Finfinnee Ummatasheef Mijattuu Gochuuf Hojjetaman Jijjiirama Agarsiisaniiru.
Jijjiiramoota Kana Hundee Cimaarra Dhaabuuf Seeronnii fi Qajeelfamoonni Bahanii Hojiirra Ooluu Ibsanii, Seeronnii fi Qajeelfamoonni Galmasaanii Akka Milkeessan Qoonni Ofiisaroota Nagaa Kabachiisaa Guddaa Ta’uu Dubbataniiru.
Ofiisaroonni Danbii Kabachiisan Hojii Hojjetan Keessatti Naamusa Hunda Dursuu Akka Qaban Cimsanii Kaasaniiru.
Ummata Waliin Tokko Ta’uun Hojjechuu Akka Qabanis Hubachiisaniiru.
Kanneen Danbii Kabachiisan Cimsuuf Teeknooloojii fi Humna Namaan Guutuu Cimee Akka Ittifufu Mirkaneesssaniiru.