Itiyoophiyaatti Qabeenya Keenya Naannawa Gammoojjii  Misoomsuun Keenya Afriikaatti Qamadii Oomishuun Tokkoffaa Akka Taanu Qooda Guddaa Baheera-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Caamsaa  30/2017(TOI)- Itiyoophiyaatti Qabeenya Keenya Naannawa Gammoojjii  Misoomsuun Keenya Afriikaatti Qamadii Oomishuun Tokkoffaa Akka Taanu Qooda Guddaa Baheera Jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Milkaa’inoota Bariituu Jijjiirama Biyyaatii Kaasee Galmaa’anii fi Rakkoolee Mudatan Ilaalchisuun Turtii TOI Waliin Taasisaniin Naannawoota Gammoojjii fi MIsooma Qamadii Ilaalchisuun Ibsa Bal’aa Kennaniiru.

Bariituu Jijjiiramaatti Yaadama Ida’amuutiin Qabeenya Sirnaan Fayyadamuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Misooma Naannawa Gammoojjiif Xiyyeeffannoon Kennamuu Ministirri Muummee Ibsaniiru.

Yaadama Naannawoota Gammoojjii Fakkeenya daangaa fagoo  fi Rakkoo Gochuun  ture Jijjiiruun Qabeenya Namaa Qabeenya Bishaanii fi Lafaa Yaadama Ida’amuun Sirnaan Fayyadamuun Badhaadhina Itiyoophiyaaf Oolchuuf Hojjetamaa Jiraachuu  dubbataniiru.

Misoomni Gammoojjii Qaama Biyyaa fi Qabeenya Beekuu fi Itti Fayyadamuu Ta’uu Kaasanii, Qabeenyaa fi Dandeettii Walitti Fiduun Fayyadamuun Yoo Hindanda’amne Badhaadhina Mirkaneessuu Hindandeenyu Jedhaniiru.

Lafa Itiyoophiyaan Qabdu Keesaa  Irra Caalaan Gammoojjii  waan Qabateef Lafa, Namaa fi Qabeenya Uumamaa Ida’uun Hojiirra Oolchuun Waan Danda’ameef Itiyoophiyaan Afriikaarraa Qamadii Oomishuun Adda Duree Akka Ishee Taasise Hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan Afriikaarraa Qamadii Oomishuun Adda Duree Ta’uurra Darbee Sadarkaa Lammaffaarra Kan Jirtu Gibxi Oomisha Dachaa Sadiin Caalu Oomishaa Jirti jedhaniiru.

Milkaa’inni Kun Kan Argame Naannawoota Gammoojjii Kanaan Dura Dagatamanii Turan Misoomsuun Waan Danda’ameef Akka Ta’e Dubbataniiru.

Waggoottan Jjjiiramaa Lamaa fi sadiitti Qamadii Alaa Galchuuf Waggaa Waggaan Doolaarri Biiliyoona Tokko Ta’u Akka Bahu Kan Kaasan ministirri Muummee, Yeroo Ammaa Qamadii Alaa Galfamu Guutummaatti Dhaabneerra Jedhaniiru.

Fuulduras Naannawa Gammoojjiitti Misooma Hawaasummaa fi Dinagdee Hammataa Cimsuun Milkaa’ina Caaluuf Nihojjenna Jechuun Cimsanii Dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015