Qooda Dargaggoonni Gaggeessaa Siyaasaa fi Murteessuurratti Qaban Guddisuuf Hojjetamaa Jira-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Qooda Dargaggoonni Gaggeessaa Siyaasaa fi Murteessuurratti Qaban Guddisuuf Hojjetamaa Jira-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Caamsaa 30/2017(TOI)- Qooda Dargaggoonni Gaggeessaa Siyaasaa fi Murteessuurratti Qaban Guddisuuf Bal’inaan Hojjetamaa Jiraachuu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Turtii Televijinii Itiyoophiyaa Waliin Qaban Jijjiirama Iriyoophiyaa Keessatti dhufaa Jiran Itti fufsiisuuf Gaggeessaa Bakka Bu’u Horachuun Yoo Hindanda’amne Bu’aalee Barbaadaman Galmaan Gahuun Akka Hindanda’amne Himaniiru.
Madaalliin Gaggeessaa Tokkoo Dandeettii Bakka Buutota Qopheessuu fi Uumuu Qabaachuu akka qabu Ibsaniiru.
Gama Kanaan Paartiin Badhaadhinaa Dargaggoonni Dhimmoota Mootummaa fi Siyaasaarratti Akka Hirmaatan Akkasumas Dandeettiisaanii Gabbisuun Muuxannoosaanii Guddisuun Gaggeessaa Bakka Bu’u Akka Ta’an Xiyyeeffatee Hojjechaa Jira Jedhaniiru.
Kanaaf Dargaggoo Gaggeessitootaaf leenjiiwwan Babal’aa Kennaa Akka Jiru Eeranii, Daggeessaa Bakka Bu’aa Horachuun Akkaataa Karoorfameen Raawwatasmaa Akka Jiru Kaasaniiru.
Kaabinee Mootummaa Keessaa Walakkaa Ol kan Ta’u Dargaggoo Ta’uun Agarsiiftuu Ta’uu Ibsanii, Ittigaafatama Guddaa Kennameef Sirriitti Bahachaa Akka Jiran Himaniiru.
Hooggansi Amma Jiru Calaa Hooggantoonni Jijjiirama Fidan Uumamaa Akka Jiran Ibsaniiru.
Hooggantoonni Dargaggoonni Abjuu fi ciminaan Hojjechuu Akka Qabaatan Bu’aa Bahii Darbuu Akka Qaban Eeranii, Ilaalcha Gaarii Akka Aqabaatan, Hanna Jibbuu fi Tajaajiluuf Qophii Ta’uu Akka Qaban Himaniiru.