Mul’anni Hiyyummaa Jalaa Bahuu Akka Milkaa’u Itiyoophiyaanonni Tattaaffii Guddaa Gochuu Qabu-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Caamsaa 29/2017(TOI)- Mul’anni Itiyoophiyaa Guutummaatti  Hiyyummaa Jalaa Baasuun Akka Ofdandeessu Gochuuf Galmi Qabame  Akka Milkaa’u Itiyoophiyaanonni Tattaaffii Guddaaan Akka Hojjetan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Hubachiisan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Televijinii Itiyoophiyaa Waliin Turtii Taasisaniin Gargaaramuun Itiyoophiyaaf Cabiinsa Balaafamaadha ta’uu Ibsaniiru.

Ofjijjiiruudhaa Mannaa Kanneen Biraa Kadhachuu fi Harka Namaa Eeguun Jiraachuun Cabiinsa Xiin-sammuu Ta’uu Himaniiru.

Biyyi Guddaan Kun Ofdanda’uu Dadhabdee Kanneen Biroo Kadhachuunshee Gonkumaa Fudhatama Hinqabu Jedhaniiru.

Nuyi Gargaaramnee Gargaaramuu Dhaalchisuu Hinqabnu Kan Jedhan Ministirri Muummee,Gargaaramuun Nurratti Dhaabachuu Qaba jechuun Ibsaniiru.

Mootummaan Cabiinsa Guddaa Gargaaramuun Uume Suphuun Gargaaramuu Jalaa Bahuu Qofa Osoo Hinta’iin Gargaaraa Taanee Jijjiirama Fiduu Qabna  jechuun ejjennoon Qabamuu Dubbataniiru.

Kana Tilmaama Keessa Galchuun Sadarkaa Bulchiinsaa Gadiitti Bu’uun Ummata Waliin Mariin Bal’aan Taa’amuu Eeranii, Deebiin Ummatarraa Argame Gammachiisaa Ta’uu Dubbataniiru.

Haa Daddafnu, Haa Uumnu fi Haa Hojjennu Kadhaan Haa Gahuun Sagalee Itiyoophiyaanotaati Kan Jedhan Ministirri Muummee Gargaaramuu Jalaa Bahuun Ejjennoo Mootummaa fi Ejjennoo Waloo Ta’uu Kaasaniiru.

Hojii Mootummaa fi Ummanni Gargaaramuu Jalaa Bahuuf Hojjetaniin Jijjiiramni Mul’atu Dhufuusaa Ibsaniiru.

Bara 2012 Itiyoophiyaatti Gargaaramtoonni Miiliyoona 27 Akka Turan Yaadachiisanii, Lakkoofsi Kun Bara 2017 gara Miiliyoona 3 Tuqaa 9tti Xiqqaachuu Fakkeenya Kaasaniiru.

Mootummaan Waggoota Muraasa Keessatti Itiyoophiyaa Guutummaatti Gargaaramuu Jalaa Baasuuf Galma qabatee Hojjechaa Akka Jiru Ministirri Muummee Ibsaniiru.

Gargaaramuu Jalaa Bahuun Ofdanda’uun Kanarra Darbees Kanneen Biroo Gargaaruuf Galmi Qabame Ummanni Deeggarsa Eegale Cimsee Akka Itti Fufu Ergaa Dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015