Ayyaana Waloomaa fi Waldeeggarsaa Kan Ta’e Iid Al Adihaa Dadhabootaa fi Olloota Keenya Waliin Kabajaa Jirra-Hordoftoota Amantaa Islaamaa - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana Waloomaa fi Waldeeggarsaa Kan Ta’e Iid Al Adihaa Dadhabootaa fi Olloota Keenya Waliin Kabajaa Jirra-Hordoftoota Amantaa Islaamaa

Caamsaa 29/2017 (TOI)- Ayyaana Waloomaa fi Waldeeggarsaa Kan Ta’e Iid Al Adihaa Dadhabootaa fi Olloota Isaanii Waliin Kabajaa Akka Jiran Yaadasaanii TOIf Kan Kennan Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Dubbatan.
Ayyaanni Iid Al Adihaa (Arafaa)1 1446ffaan Har”a Guutuu Biyyaatti Kabajamaa Jira.
Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa (TOI)n Bakka Ayyaanichi Sagadaa fi Sirna Amantichaa Garagaraan Itti Kabajame Istaadiyeemii Finfinneetti Argamee Kabaja Ayyanichaa Ilaalchisuun Hordoftoota Amantichaa Taada Gaafateera.
Kanneen Yaada Kennan Keessaa Sheeh Saahiil Hasan Ibraahiim Akka Jedhanitti, Arafaan Ayyaana Dadhabootaan Isiniif Jirra Ittiin Jennudha Jedhaniiru.
Iid Al Adihaan(Arafaa) Amma Danda’ametti Dadhabootaaf Maaddii Qooduun Akka Barbachisu Ibsanii, Waan Ta’eef Ayyaanicha Duudhaa Waldeeggarsaatiin Dadhabootaa fi Olloota Keenya Waliin Waloomaan Kabajuun Akka Dabarsan Dubbataniiru.
Dargaggoo Kadir Ahimad Gamasaan, Walgargaaruun Itiyoophiyaanotaaf Duudhaa Guddaa Ta’uu Eeree, Har’a Ayyaana Arafaa Garaagarummaa Malee Walta’uun fi Walgargaaruun Dabarsaa Akka Jiran Dubbateera.
Akkuma Kanaan Duraa Ayyaana Baranaa Ollaasaa fi Dadhaboota Waliin Kabajaa Akka Jiru Kan Dubbate Ammoo Abdulkariim Sulxaan jedhama.