Ayyaanni Iid Al Adihaa (Arafaa) Ayyaana Duudhaaleen Tokkummaa fi Waliin Jireenyaa Ifatti Itti Mul’atudha - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Iid Al Adihaa (Arafaa) Ayyaana Duudhaaleen Tokkummaa fi Waliin Jireenyaa Ifatti Itti Mul’atudha

Caamsaa 29/2017 (TOI)- Ayyaanni Iid Al Adihaa (Arafaa) Ayyaana Duudhaaleen Tokkummaa fi Waliin Jireenyaa Ifatti Itti Mul’atan Ta’uu Akka Qabu Abbootiin Amantaa fi Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Magaalaa Adaamaa Ibsan.
Ayyaanni Iid Al Adihaa (Arafaa)1446ffaan Magaalaa Adaamaa Bakka Imaammonni, Ulaamonni, Imaamonni, Ulaamonni, Sheekonnii fi Hordoftoonni Argamanitti Masgiida Umar Iiditti Sirnoota Amantichaa Garagaraan Kabajameera.
Miseensi Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sheeh Huseen Ahimad Yaada TOIf Kennaniin, Ayyaanni Iid Al Adihaa(Arafaa) Hordoftoota Amantichaa Biratti Hiikoo Guddaa Akka Qanbu, Ayyaana Duudhaaleen Tokkummaa fi Waliin Jireenyaa Ifatti Kan Itti Mul’atan Ta’uu Ibsaniiru.
Keessumaa Qalma Wayitii Arafaa Qalan harka Sadii Keessaa Harka Tokko Harka Qalleeyyiif Kennuun Nibarbaachisa Jedhaniitu.
Ayyaana Arafaa Wayuta Kabajnu Hawaasni Musliimaa Hundi Duudhaa Nagaa, Jaalalaa fi Waliif Yaaduu Gabbisuu fi Beekumsaa fi Humnasaa Hojii Gaariif Oolchuun Ta’uu Akka Qabu hubachiisaniiru.
Kabaja Ayyaanichaarratti Kan Argaman Keessaa Hirmaataan Ayyaanichaa fi Gaggeessaan Amantaa Ustaaz Mas’ud Nuuraa Akka Jedhanitti, Ayyaana Kanaan Qalmi Kanneen Biroof Kan Itti qoodamudha Jedhaniiru.
Ayyaanni Iid Al Adihaa (Arafaa) Hawaasni Musliimaa Kanneen Biroo Waliin Jaalalaan, Tokkummaan Waliif Yadee Kan Itti Oolu Ta’uu Himaniiru.
Abduljawaad Ahimad Gamasaaniin,AAyyaanni Arafaa Qalmi Raawwatamuun Gamatti, Ayyaana Kan Qabu Kan Hinqabnerraa Qooddatee Sooratu, Waliif Gadduu, Waliin Jireenyaa fi Walgargaaruun Kan keessatti Mul’atu Ta’uu Dubbataniiru.
Ayyaanicha Wayita Kabajnu Hojii Gaarii Uumaan Keenya Jaalatu Raawwachuun, Kan Rakkata, Dhukkubsatanii fi Dadhaboota Yaadachuun Ta’uu Qaba Jedhaniiru.