Hawaasni Musliimaa Ayyaana Iid Al Adihaa (Arafaa)Wayita Kabaju Harka Qalleeyyii Deeggaruu Ta’uu Qaba

Caamsaa 29/2017(TOI)- Hawaasni Musliimaa Ayyaana Iid Al Adihaa (Arafaa)Wayita Kabaju Deeggarsa Harka Qalleeyyiif Taasisaa Jiru Cimsuu Akka Qabu Hordoftoonni Amantichaa Magaalaa Asoosaatti Argaman dubbatan.

Ayyaanni Iid Al Adihaa (Arafaa) 1446ffaan Sirnoota Amantaa Garagaraan Magaalaa Asoosaatti Kabajamaa Jira.

Hordoftoonni Amantichaa TOIn Kabaja Ayyaanichaarratti Haasofsiise Akka Dubbatanitti Ayyaanni Arafaa Harka Qaleeyyiin kan Itti deeggaramanii fi Ayyaana Walgargaarsaan Kabajamudha Jedhaniiru.

Sulemaan Abdullaahii Yaada Kenneen Qalma Ayyaanichaaf Raawwatamu irraa Harka Qalleeyyiif Qooduun Gammachuun Akka Dabarsan Akka Taasisu Ibseera.

Ayyaanicha Harka Qalleeyyii Waliin Dabarsuun Gammachuu Sammuu Namaa Kennuuun Alatti Gocha Amantichaan Jaalatamu Akka ta’e Ibsaniiru.

Jirattuun Magaalaa Asoosaa Daariisalaam Zarihun Gamasheetiin, Ayyaana Arafaa Kan Adda Godhu Qalma Raawwatamu Ta’uu Ibsitee, Maatii fi Fira Gaafachuun Ayyaanicha Akka Dabarsan Dubbatteetti.

Ayyaanni Arafaa Ayyaana Gudda Hawaasni Musliimaa Aadaa Waldeeggarsaa Itti Cimsu, Harka Qalleeyyii Kan Itti Deeggarudha Kan Jedhan Ammoo UztaazZayinuu Faaris Jedhamu.

Kantiibaan Magaalaa Asoosaa Abdulkariim Abduraahiim Gamasaaniin, Waldeeggarsaa Jiraattonni Magaalichaa Ayyaanicharratti Argisiisan Aadeffachuun Harka Qalleeyyii deeggaruun Nibarbaachisa Jedhaniiru.

Bulchiinsi Magaalichaa Harka Qalleeyyii Deeggaruun Ayyaanicha Gammachuun Akka Dabarsan Gochuusaa Eeraniiru.

Ayyaanni Iid Al Adihaa 1446ffaan Bakka Hordoftoonni Amantichaa Hedduun Argamanitti Magaalaa Asoosaatti Iid Soolaatiin Kabajameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015