Ayyaanni Iid Al Adihaa (Arafaa)1446ffaan Magaalaa Gaambeellaa fi Naannawasheetti Kabajamaa Jira

Caamsaa 29/2017 (TOI)- Ayyaanni Iid Al Adihaa (Arafaa)1446ffaan Magaalaa Gaambeellaa fi Naannawasheetti Kabajamaa Jira.

Ayyaana Arafaa Wayita Kabajnu Harka qalleeyyii Yaadachuu fi deeggaruun Ta’uu qaba Jedhan Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Gaambeellaa Huseen Kayuraa.

Guyyaan Kun Guyyaa Hordoftoonni Amantichaa Hundi Amma Danda’anitti Qalma Raawwachuun Kan Qabu Kan Hinqabneef Qoodee Walqixa Gammadee Kan Oolu Ayyaana Guddaa Ta’uu Dubbataniiru.

Nuyis Ayyaanicha Wayita Kabajnu Akkaataa Ayyaanichi Barsiisuun Harka qalleeyyii Deeggaruu fi Kan qabu Kan Hinqabneef Qooduun Waloomaan Kabajuu Qabna Jedhasniiru.

Ayyaanicha Wayita Kabajnu Duudhaalee Keenya Walitti Hidhamiinsaa  fi tokkummaa Cimsan Agarsiisuun Gammachuun Dabarsuu Qabna Jechuun Ergaa Dabarsaniiru.

Kanneen Ayyaanicharratti Argaman Keessaa Obbo Usmaan Ujuluu Yaada Kennaniin, Ayyaana Arafaa Nagaa, Jaalala, Waliif Yaaduu fi Tokkummaa Caalaatti Karaa Cimsuun Kabajaa Akka Jiran Dubbataniiru.

Arafaan Ayyana Qalmaa Waan Ta’eef Kan Qalle Harka Sadii Keessaa Harka Tokko Harka Qalleeyyiif Qooduun fi Waliin Soorachuuf Waliin Dabarsuuf Qophoofneerra Kan Jedhan Ammoo Ayyaanicharratti Kan Argaman Ustaaz Usmaan Umar Jedhamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015