Ayyaanni Iid Al Adhihaa(Arafaa) Magaalaa Jiinkaatti Kabajamaa Jira

Caamsaa 29/2017(TOI)- Ayyaanni Iid Al Adhihaa(Arafaa) Sirnoota Amantaa Garagaraatiin Magaalaa Jiinkaatti Kabajamaa Jira.

Ayyaanichi Bakka Hordoftoonni Amantichaa Argamanitti Buufata Xiyyaaraa Jiinkaa Duraanii Yeroo Ammaa Paarkii Bashannanaa Tokkummaatti Kabajamaa Jira.

 Iid Soolaat Fi Takbiiraan Dabalatee Sirnoonni Amantaa Garagaraa Kabaja Ayyaanichaarratti Raawwatamaniiru.

Ayyaanichi Bakka Walitti Qabaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Godina Arrii Obbo Jamaal Muhaammad fi Walitti qabaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Jiinkaa Obbo Umardiin Girmaa Dabalatee Abbootiin Amantaa Argamanitti  Kabajamaa Jira.

Bulchaan Godina Arrii Obbo Abrahaam Attaa, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jiinkaa Sisaayi Gaalshii fi Hooggantoonni Mootummaa Biroon Kabaja Ayyaanicharratti Argamaniitru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015