Pirezidantiin Ripaabilika Siloviiniya yaadannoo Ijifannoo Adawaatti Abaaboo kaa’an - ENA Afaan Oromoo
Pirezidantiin Ripaabilika Siloviiniya yaadannoo Ijifannoo Adawaatti Abaaboo kaa’an
Caamsaa28/2017(TOI)-Pirezidantii Ripabilika Siloviiniya Dr.Natasa Piirk Musar yaadannoo Injifannoo Adawaatti Abaaboo kaa’an.
Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Pirezidaantittii yaadannoo Ijnifannoo Adawaatti simataniiru. Pirezidantiin Siloviniya Dr.Madam Natasa Piirk Musar daawwannaaf kaleessa galgala Finfinnee Dhufan.
Pirezidaantittiin siidaa yaadannoo Injifannoo Adawaa jala hara’a Abaaboo ka’aniiru yaadanichas daawwataniiru.
De’eetaan Ministira dhimma alaa Itiyoophiyaa Ambaasaadder Hadara Abarraa fi De’eetaan Ministirri dhimma Alaa Siloviniya Marko Shutisin bakka argamanitti waltajjiin marii siyaasaa 3ffaa Kaleessa gaggeeffamuun ni yadatama.
Mariin siyaasaa Kun hariiroo biyyoota lameenii guddisuuf, tumsa haaraa adda baasuu fi tarsiimoowwan daldalaa fi Invastimantii biyyoota Lamaanii guddisuu dandeessisan diriirsuuf carraa gaarii akka uumu ibsameera.
Itiyoophiyaa fi Siloviniyaan tumsa jabeessuun faayidaa hundagaleessa eegsisuuf waliin hojjechuuf fedhii qabu.
Itiyoophiyaan Riijinichatti qofaa osoo hinta’iin Sadarkaa Idil Addunyaatti deeggartuu fayyaddu ta’uu kaasaniiru.
Daawwannaa Pirezidaantittiin Itiyoophiyaatti taassisan damee adda addaan Daldalaa fi Investimentii Dabalatee tumsa gamlamee cimsuuf akka dandeessisu ibsameera.