Deeggarsi Hojmaattota Oomishtummaa Qonnaa Guddisuuf Raawwatamaniif Taasifnu Cimee Itti Nifufa-Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa

Caamsaa 28/2017(TOI)- Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa(FAO) Hojmaattota Itiyoophiyaan Oomishtummaa Qonnaa Guddisuuf Raawwattuuf Deeggarsa Taasisu Cimsee Akka Ittifufu Beeksise.

Itiyoophiyaatti Gorsaan Teekniikaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii Jemsi Siwiiraanii TOItti Akka Himanitti, Carraaqqii Itiyoophiyaan Nyaataan Ofdanda’uuf Taasiftu Keessatti Oomishtummaa Qonnaa Guddisuuf Hojmaattonni Hojiirra Oolchite Bu’aa Qabatamaa Fidaniiru.

Oomishtummaa Qamadiin, Bu’aaleen Kalaqaa fi Teeknooloojii Qonna Ammayyeessuuf hojeeffaman Akkasumas Invatimantiiwwan Damee Kanaan Taasifaman Wabii Nyaataa Fulla’aa Mirkaneessuuf Bu’ura Akka Ta’an Ibsaniiru.

Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Sagantaawwan Itiyoophiyaatti Oomishtummaa Nyaataa Guddisuuf Hojeeffamaa Jiran Deeggaruuf Ministeera Qonnaa Waliin Walitti Dhiheenyaan Hojjecha Akka Jiru Eeraniiru.

Hojiilee Fulla’insaan Oomishuun Galmoota Misoomaa Eegeree Milkeessuuf Raawwataman Akka Deeggarus Jemsi Siwiiraanii Ibsaniiru.

Dhaabbatichi Sagantaalee Maaddii Guutuu, Ashaaraa Magariisaa, fi Kanneen Biroo Bal’inaan Akka Deeggaru Mirkaneessaniiru.

Bu’aalee Itiyoophiyaan Damee Qonnaan Galmeessifteef Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Beekamtii Kennuusaa Yaadachiisanii, Fuulduras Bu’aa Caalaa Akka Galmeessiftu Amantaa Akka Qaban Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015