Ijaarsa Sirna Dinagdee Tasgabbaa’aaf Qoonni Hawaasa Daldalaa Murteessaadha-Injiinar Dr. Nagaash Wageeshoo

Caamsa 27/2017 (TOI)- Ijaarsa Sirna Siyaasaa, Hawaasummaa fi Dinagdee Tasgabbaa’aaf Qoonni Hawaasa Daldalaa Murteessaadha Jedhan Bulchaan Naannoo Ummattoota Kibba Lixaa Itiyoophiyaa Injiinar Dr. Nagaash Wageeshoo.

Mata Duree “Imala Badhaadhina Keenyaa fi Qooda Hawaasa Daldalaa” jedhuun Waltajjiin Maree Hawaasa Daldalaa Sadarkaa Naannootti Magaalaa Boongaatti Taa’amaa Jira.

Injiinar Dr. Nagaash Wageeshoo Waltajjicharratti Akka Jedhanitti, Ijaarsa Sirna Siyaasaa, Hawaasummaa fi Dinagdee Tasgabbaa’aaf Qoonni Hawaasa Daldalaa Murteessaadha.

Keessumaa Guddinni Dinagdeen Fulla’aa Akka Galmaa’u Invastimantii, Industirii, Carraa Hojii fi Tajaajila Hawaasummaa Cimsuun Akka Barbaachisu Ibsanii, Kanaafis Hirmaannaan Hawaasa Daldalaa Murteessaa Ta’uu Dubbataniiru.

Hawaasni Daldalaa Carraa Kanatti Fayyadamuun Guddinni Dinagdee Fulla’aan Akka Galmaa’uu fi Sirni Gabaa Tasgabbaa’aan Akka Jiraatu Qoodasaa akka Bahu Gaafataniiru.

Hawaasni Daldalaa Hojiilee daldalaa fi hojii Misoomaa Magaalaa Boongaa Daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015