Qulqullinaa fi dhaqqabummaa Hojii Odiitii guddisuun qabeenya mancaatii  irraa  oolchuuf hojjetamaa jira-Odiitara  Olaanaa Federaalaa

Caamsaa 27/2017(TOI)-Qulqullinaa fi dhaqqabummaa  hojiii odiitii guddisuun   qabeenya biyyaa fi uummataa qisaasa’uu irraatii oolchaa jiraachuu waajjirri Odiitara  Olaanaa Federaalaa ibse.

 Yaa’iin Waggaa Waajjira Odiitara olaanaa Federaalaa fi qooda fudhattootaa  23ffaan Magaala Arbaa Mincitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icha irratti Odiitarri olaantuu federaalaa Masarat Daamxee, hojiin odiitiii qabeenya uummataa fi biyyaa hojmaata badaa irraa oolchaa jira jedhaniiru. 

Hojiin odiitii  hojmaataan, Ariitiin, Qulqullinaa fi Qaqqabummaan guddisuuf tattaaffii taassifameen bu’aan galmaa’uu dubbataniiru.

Shoora Hojii fi Dandeettii Murteessuu Koree Argannoo Odiidii Deebisiisuu Guddisuuf, Hojmaata Odiitii fi Sirna Bulchiinsaa Kaa’uuf Akkasumas Tarkaanfii Argannoowwan Odiitiirratti Fudhatamuu fi Dandeettii waliigalaa Dhaabbilee Odiitii Guddisuuf Hojiin cimaan Hojjetamaa Tureera Jedhaniiru.

Afa-yaa’ii mana maree Naannoo giddugaleessa Itiyoophiyaa Alamaayyoo Bawudii gama isaaniin hojiin odiitii qabeenyi uummataa fi mootummaa murtaa’aa ta’e  kaayyoo qabameef oolchuuf  qooda  guddaa qaba jedhaniiru.

Qabeenya mootummaa fi uummataa  saamicha irraa oolchuuf Walitti qabuu galii fi  sirna baasii mancaatii fi saamicha irraa baraaruuf hojii cimaan hojjetamuu dubbataniiru.

 Naannichatti bajata pirojektii idilee fi kaappitaalaa raawwachiisu haala labsii  faayinaansiin hojii odiitii sirrii raawwachaa jiraachuu naannoo gidduugaleessa Itiyoophiyaatti Odiitarri Olaanaan obbo Ababaayyoo Eermiyaas ibsaniiru.

Baajata waajjiraalee mootummaa naannichaa seera baajataa hordofuun tajaajila Dinagdee fi Hawaasummaa dhaqqabamaa gochuun bu’aan argamuu eeraniiru.

Miseensonni koree dhaabbataa Federaalaa fi Naannoo fi odeetaroonni olaanoon, akkasumas  qooda fudhattoonni biroon  Waltajjii guyyaa  sadiif  turuun Irratti hirmaachaa jiru .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015