Guddina Waliigalaa Itiyoophiyaatti Galmaa’eef Qoonni Hawaasa Daldalaa Olaanaadha-Ministira Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Riijinii Dr. Kaasahun Goofee

Caamsaa 27/2017(TOI)- Guddina Waliigalaa Itiyoophiyaatti Galmaa’eef Qoonni Hawaasa Daldalaa Olaanaadha Jedhan Ministirrii Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Riijinii Dr. Kaasahun Goofee

Minietirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsi Riijinii Mata Duree “Badhaadhina Hundagaleessaaf Qooda Hawaasa Daldalaa Jedhuun Hawaasa Daldalaa Waliin Mari’achaa Jira.

Ministirri Galiiwwanii Ayinaalem Nugusee, Ministirri Industirii Malaakuu Allebal Dabalatee Miseensonni Hawaasa Daldalaa Kafaltoota Gibiraa Federaalaa Olaanoon Saganticharratti Argamaniiru.

Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Riijinii Dr. Kaasahun Goofee Wayita Kana Akka Ibsanitti, Mootummaan Badhaadhina Biyyattii Mirkaneessuuf Misooma dinagdee Damee hedduu Hojeessuun Milkaa’ina Galmeessisaa Jira.

Guddina Hunda Galeessa Itiyoophiyaatti Galmaa’aniif Hawaasni Daldalaa Qooda Olaanaa Qabaachuu Dubbataniiru.

Tumsi Mootummaa fi Damee Dhuunfaa Biyya cimtuu Dinagdeen Gabbatte Ijaaruuf Murteessaa Ta’uu Kaasuun, Hariiroo Kana Bu’ura Cimaarra Taa’uu Qaba Jedhaniiru.

Tumsa Mootummaa fi Damee dhuunfaa Jidduu Jiru Cimsuuf Mariin Akkasii Murteessaa Ta’uu Kaasaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa Miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Gochuun Dandeettii Hawaasni Daldalaa Addunyaarratti Dorgomuu Dandahu Guddisuuf Dhiitee Bariitee Hojjechaa Jiraachuu Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015