Misooma koriidaraa Magaalaa Gambeellaa Saffisiisuun Jiraattotaaf Mijattuu Taassisuuf  hojjetamaa jira

Caamsaa 27/2017(TOI)-Misooma koriidaraa Magaalaa Gambeellaa Saffisiisuun  Magaalittii Jiraattotaa fi Turiizimiif mijattuu  gochuuf  xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu  kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Gambeellaa ibsan.

Magaalittiitti kallattii Afraniin hojii misooma koriidaraa k.m 14 hojjechuuf karoorfamee gara hojiin Eegalamuu kantiibaan Magaalaa Gambeellaa Dr.Saymen Mun ibsaniiru.

Kantiibaa Dr.Saymen Mun TOI’f akka ibsanitti, hojii misooma Koriidaraa fi bu’uuraalee misooma daandii Keessoo saffisiisuun Magaalittii jiraattotaa fi Turiistiif mijattuu gochuuf  xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Magaalaan Gambeellaa waggoota dheeraa kan lakkoofsiftee fi Riijinii daldalaa kan turte  Magaalaa seenaa qabeettii taatus hanga Umuriishee  kan hin guddannee fi magaalaa rakkoo bu’uuraalee misoomaa daandii qabdu ta’uu hubachiisaniiru. 

 Jijjiirama Biyyoolessaa asitti Tooftaa Tarsiimoo Misooma Magaala bu’uura godhachuun   bu’uuraalee misoomaa Daandii fi kanneen biroo Hojjetamaa Jiraachuu ibsaniiru.

Keessuumaa Misooma Koriidaraa Magaalaa  cimsuun Magaalittii Miidhagduu,  Qulqulluu, jiraattotaaf mijattuu gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalittiitti Marsaa jalqabaan kallattiiwwan adda addaatti hojii Misooma koriidaraa K.m14 boqonnaa Afuritti qoodamee ijaaruuf galmi qabamee gara hojiitti galamuu   dubbataniiru.

Hojii misooma koriidaraa Magaalittiitti raawwatamaa jiruun  lammiilee carraa hojii  argatan keessaa dargaggoo Saadam Abduu yaada kenneen misoomni koriidaraa Magaalaa Gaambeellaaf faayidaa  guddina kennuurra darbee fayyadamoo carraa hojii  gochaa jiraachuu dubbataniiru.

Misooni Koriidaraa haala naannawa kan jijjiiruu fi sagantaa dargaggoota hojii dhabeeyyii  fayyadomoo taassisu ta’uu hirmaataa hojii misooma koriidaraa  dargaggoo Nursen Abdulqadir ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015