Hojiileen Dinagdee Magariisaa jijjiirama Haala Qilleensaan Hinmiidhamne Dhugoomsan Finfinneetti Hojjetamaa Jiru

aamsaa 27/2017(TOI)-Hojiileen Dinagdee Magariisaa jijjiirama Haala Qilleensaan Hinmiidhamne Dhugoomsan Hojjetamaa Jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Finfinneetti Beeksise.

Hojii Gaggeessaan Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Finfinnee Obbo Didhaa Dirribaa TOItti Akka Himanitti, Abbaan Taayitichaa Faalama Naannawaa, Qilleensaa fi Laggeenii Ittisuuf Hojjechaa Jiraachuu Dubbataniiru.

Sadarkaa MagaalaattiHojiileen Dinagdee Magariisaa jijjiirama Haala Qilleensaan Hinmiidhamne Dhugoomsan hojjetamaa Jiraachuu Dubbataniiru.

Faalama Laggeenii Ittisuun Tajaajila Hawaasummaa fi Dinagdee Akka Kennan Gochuuf Misoomni Qarqara Laggeenii Bal’inaan Hojjetamaa Akka Jiru Dubbataniiru.

Gaara Inxooxxoorraa Amma Piikookitti K.M 42 irratti Eegumsi Biyyoo Fi Bishaanii Hojjetamaa Jiraachuu Ibsaniiru.

Konkolaattonni Elektiriikiin Hojjetan Baayyachuunsaanii Akkasumas Xiyyeeffannoon Hawaasni Ashaaraa Magariisaaf Kenne Magaalattiitti Faalama Hir’isuuf Qooda Guddaa Bahaa Akka Jiru eeraniiru.

Hundeessaa fi Hojii Gaggeessaan Waldaa Amaahee Meeshaalee Elektiriikii Oomishuu Obbo Yohaannis Ayyalaa, Waldaansaanii Faalama Qilleensaa fi Mancaatii Bosonaa Kan Oolchan Midijjaa Anniisaa Qusatan Oomishaa Jiraachuu Dubbataniiru.

Jiraattuun Kutaa Magaalaa Eekkaa Adde Taayech Waldasanbat fi Jiraattuun Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Adde Masaayi Taklee Midijjaa fi Eelee Anniisaa Qusatuu Fayyadamaa Jiraachuu Ibsaniiru.

Kun Ammoo Dinagdee Magariisaa Itiyoophiyaan Eegalte Kan Dhugoomsuu fi Yeroo Kan Qusatu Ta’uu Eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015