Taphni Madin Itiyoophiyaan Qiddus Goorgisiin yoo Injifate Waancaa liigichaa yeroo jalqabaaf Mo’achuunsaa itti mirkanaa’u ni’eegama

Caamsaa 26/2017(TOI)- piriimer liigii Itiyoophiyaa sagantaa torban 33ffaan har’a taphoonni  lama nigaggeeffamu.

 Galgala sa’aatii 12:00tti  Taphni Madin Itiyoophiyaan Qiddus goorgis waliin Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti gaggeessan  ni Eegama.

 Madin Itiyoophiyaan  qabxii 63n  liigicha  Dursaa kan jiru yoo ta’u, taphicha yoo mo’ate  taphoonni sadii  osoo isa  hafanii yeroo jalqabaaf Waancaa fudhachuu nimirkaneessa. 

Liigichaan qabxii 55n sadarkaa lammafaa irratti kan argamu Bunni Itiyoophiyaa kaleessa Magaalaa Arbaa Miniciin1 fi 0n injifatameera.

Morkataansaa Qiddus goorgis qabxii 43n sadarkaa 6ffaa irratti yoo argamu yoo injifachuu Danda’e liigichatti ittifufinsaan injifannoo akka argatu isa dandeessisa.

 Kunis Tapha Madin Waancaa fudhachuuf eeggachaa Jiru gara torbaan 34ffaatti akka cehu taassisa.

Sagantaa torban 33ffaa biraatiin magaalaan Diree Dawaa Walwaloo Addigiraat Yuunivarsiitii Waliin guyyaa sa’atii 9:00 irratti nitaphatu.  

Magaalaan Diree Dawaa qabxii 39n sadarkaa 12ffaa irratti argama.

Liigicha irraa kan bu’e Walwaloo Addigiraat Yuunvarsiitii qabxii16n sadarkaa dhumaa 18ffaa qabateera.

 Diree Dawaan yoo injifate liigichatti qabxii Injifannoo itti fufaa 4ffaa galmeessa.

Caalaatti Soda sadarkaa gadii keessaai akka bahu isa godha.

 Tapha yuunvarsiitii Walwaloo addigiraat sagantaa guutinsaa irra darbee hiika hin qabaata. 

Aphichi Yuunivarsiitii Walwaaloo Addigiraatiif Hirmaannaachuun Ala Faayidaa Hinqabuuf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015