Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Kan Afraffaa fi Qaama Hojii Tola Ooltummaa Gannaa Kan Ta’e Hojii Misooma Kooriidarii Baadiyyaa Naannoo Jiddugala Itiyoophiyaa Godina Silxee Aanaa Hulbarag Ganda Warabet Shamaatti Ijaarsa Mandara Jireenyaa Moodala Qonnaan Bultootaa Jalqabsiisan

Caamsa 26/2017(TOI)- Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Kan Afraffaa fi Qaama Hojii Tola Ooltummaa Gannaa Kan Ta’e Hojii Misooma Kooriidarii Baadiyyaa Naannoo Jiddugala Itiyoophiyaa Godina Silxee Aanaa Hulbarag Ganda Warabet Shamaatti Ijaarsa Mandara Jireenyaa Moodala Qonnaan Bultootaa Jalqabsiisaniiru.

Ministirri Muummee Ergaa Karaa Fuula Marsariitii Isaaniin Dabarsaniin, Qaama Hojii Tola Ooltummaa Gannaa Kan Ta’e Hojii Misooma Kooriidarii Baadiyyaa Naannoo Jiddugala Itiyoophiyaa Godina Silxee Aanaa Hulbarag Ganda Warabet Shamaatti Ijaarsa Mandara Jireenyaa Moodala Qonnaan Bultootaa Jalqabsiifneerra Jedhaniiru.

Manneen Jireenyaa  Kunneen Wayita Xumuraman Mala Jireenyaa Qonnaan Bulaa Jijjiiruun Jireenya Fayya qabeessa Isa Gonfachiisu Jechuun Ibsaniiru.

Gama Biraan Turtii Godinichatti Taasifneen Hirmaannaa Dameen Dhuunfaa Agiroo Industirii Irratti Taasisu Ilaalleerra Jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ergaa Dabarsaniin.

Fakkeenyaaf Agiroo Industirii Qindaa’aa Atoot Daawwanneerra Jedhan.

 Raawwiin Akkasii Hojiilee Maaddii Guutuun Bu’aa Galmeessisuuf Jalqabame Galmaan Gahuuf Jalqabbii Gaarii Waan Ta’aniif  Jajjabeeffamuu qabu Jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015