Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa biyyoota gidduu galeessaa baha fi galoo galaanaa waliin Walitti fiduuf tajaajilasaa babal’isaa jira

Caamsaa 25/2017(TOI)-Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Afriikaa biyyoota gidduu galeessaa baha fi galoo galaanaan walitti fiduuf tajaajila isaa babal’isaa jiraachuu daandii qilleensa Itiyoophiyaatti Hogganaan Damee Oppireeshinii obbo Rattaa Malaakuu ibsan.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Bulchiinsa Emereetota Arabaa Gamtoomanii  kan taate gara Magaala Sharjaahitti balallii haaraa  eegaleera.

Hoggantoonni olaanoon daandii qilleensa Itiyoophiyaa,  Itti Aanaa gaggeessaa Misiyoonota Embaasii Emereetota Arabaa Gamtoomanii Hamaad Fariid Albadawii fi keessummoonni waamaman  biroon Sagantaa Kanarratti argamaniiru.

Saganticha irratti Hogganaan Damee Opireeshinii Daandii Qilleensichaa Obbo Rattaa  Malaakuu akka jedhanitti, Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa A.L.A bara 1946 balallii gara Yemenitti jalqabeen hariiroo gidduugaleessaa Bahaa waliin qabu kan itti eegaledha. 

Emereetota Araboota Gamtoomaniittis waggaa 50 dura A.L.A bara 1976tti gara Abuudaabitti balallii eegaluu isaa fi gahumsa isaa yeroo gara yerootti babal’isaa dhufuu dubbataniiru.

Daandiin qilleensa Itiyoophiyaa Afriikaa biyyoota gidduugaleessa bahaa fi  galoo galaanaa waliin tajaajila waliti fiduu babal’isaa dhufuu kaasuun, yeroo ammaa biyyoota gidduugaleessaa bahaa 13tti torbanti tajaajila Balallii namaa fi Kaargoo 120 Taasisaa  jiraachuu  dubbataniiru.

Kanneen keessaa Dubaayii fi Sharjahitti torbanitti yeroo 30 ol Balali’aa Akka JiruEeraniiru.

Balallii haaraan  Magaala seenaa dheera qabduu fi  gidduugala daldala Addunyaa taate

Sharjahitti eegale hariiroo Emereetota Araboota gamtooman  waliin qabnu  kan  jabeessudha jedhaniiru. 

Balallii haaraan biyyoota gidduugaleessaa baha fi Afriikaatti  eegalame  Daldala,Turiizimii fi Aadaa kan jabeessu ta’uu ibsaniiru.

Itti Aanaa gaggeessaa Misiyoonota Embaasii Emireetota Araba Gamtoomanii Hamaad Fariid  Albadawii  gama isaaniin,  tajaajjilli balallii haaraan walitti hidhaminsa Aadaa fi  Ummattoota Biyyoota Lamaanii kan jabeessu ta’uu dubbataniiru. 

Emereetonni Araba Gamtoomanii deeggartuu  daldalaa fi invastimantii  Itiyoophiyaa Adda duree  ta’uu kaasuun, balalliin haaraan eegalame hariiroo Dinagdee biyyoota lamaanii  kan jabeessudha jedhaniiru.

Daldalaaf Balbala haaraa Kan banuu fi  biyyoota lameen gidduutti hariiroo uummataa  caalmaatti kan walitti fidu ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015