Itiyoophiyaan Riifoormii Dinagdee Goorootiin Invastimantii Alaaf Carraa Gaarii Uumteetti-Ministira Ahimad Shidee

Caamsaa 25/2017 (TOI)- Itiyoophiyaan Riifoormii Dinagdee Goorootiin Invastimantii Alaaf Carraa Gaarii Uumuushee  Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee Ibsan.

Foramiin Biizinasii Itiyoo-Beeljiyeem Finfinneetti Taa’amaa Jira.

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, De’eetaan Ministira Industirii, Hasan Mahaammad, Komishinariin Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Beeljiyeem Dr Aneeliis VersiTiishel, Hooggantoonni Daldalaa fi Waldaalee Damee Finfinnee  fi Hooggantoonni  Kaampaaniiwwan Beeljiyeem Waltajjicharratti Hirmaachaa Jiru.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee Wayita Kana, Itiyoophiyaan Fooyyessa dinagdee Hedduu Gochuun Invastimantii Alaa Dabalataan Hawachuuf Hojjechaas Jirti Jedhaniiru.

De’eetaan Ministira Industirii Mahaammad Hasan Gamasaaniin, Fooyyessi Invastimantii hedduun Invatimantii Alaa Onnachiisan Taasifamuu Ibsaniiru.

Itiyoophiyaa fi Beeljiyeem Guddina Dinagdee Fulla’aaf Mul’ata Waloo Akka Qaban Ibsaniiru.

Komishinariin Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen, Kaampaaniiwwan Beeljiyeem Dhufuunsaanii Fedhii Itiyoophiyaatti Invast Gochuuf Qaban Agarsiisa Jedhaniiru.

Itiyoophiyaan Riijinii Daldala Bilisaa Afriikaa Kan Mallatteessistee fi Miseensa ‘COMESA’ Ta’uunshee fi Salphaatti Daldalatti Galuuf Qabeenya Jajjabeeffaman Egeree fi qabeenyota Inarjii QulqulluunQabaachuushee  Kaasaniiru.
 

Itiyoophiyaa fi Beeljiyeem Hariiroo Waggaa dhibba Caalu Akka Qaban Kan Ibsan Ammoo  Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Beeljiyeem Dr.Aneliis VersiTiishelidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015