Bulchiinsa Magaalichaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiif qophiin biqiltuu taassifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa Magaalichaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiif qophiin biqiltuu taassifamaa jira

Caamsaa 25/2017(TOI)-Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti biqiltoonni faayidaa Garagaraa qaban sagantaa Ashaaraa Magaariisaa gannaatiin dhaabbatan qophaa’aniiru.
Waajjira Qonnaa Magaalaa Jimmaatti dursaan garee bulchiinsa Qabeenya uumamaa obbo Mahaammad Hasan akka ibsanitti sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan mukaa fi nyaataaf oolan qophaa’aniiru.
waggoottan darban sagantichaan biqiltuuwwan dhaabbatan haala naannoo jijjiiruu fi miidhagina magaalaa dabaluu ilaalchisee sagantaa dhaabbii bara kanaaf kaka’umsa uumeera jedhaniiru.
Biqiltuuwwan Dhaabbii Ganna Kanaaf qophaa’an keessaa baala shayii, muduraalee miidhagina magaalaaf oolanii fi nyaata beeyladaaf keessatti Argamu.
Obbo Mahaammad dabaluunis biqiltuun soorataaf oolan muduraa fi kuduraan Kanneen Akka muuzii, Paappayaa, Avokaadoo, Maangoo fi kanneen Biroo Akka Ta’an Ibsaniiru.
Qophiin Biqiltuu Buufataalee Biqiltuu gandoota shan Keessatti Kan Taasifame Yoo Ta’u, Kunuunsi Taasifamaa Jira Jedhameera.
Buufata biqiltuu ganda Jireenitti Biqiltuu Kunuunsaa Kan JiranRoozaa Hasan, akka jedhanitti, biqiltuuwwan waktii Gannaa dhaabbatan kunuunsuun galii baatiin argatan irra sagantaa ashaaraa magariisaaf qooda isaanii bahaa jiraachuu ibsaniiru .
Qotee Bulaan Ganda Jireen Obbo Ibrahim Abdallaa gama isaaniin, Biqiltuuwwan waktii gannaa dhaabaman dhunfaa isaaniin biqilchaa jiraachuu kasaniru.