Filannoo Biyyaalessaa 7ffaaf Qophiin Taasifamaa Jira - ENA Afaan Oromoo
Filannoo Biyyaalessaa 7ffaaf Qophiin Taasifamaa Jira
Caamsaa 25/2017(TOI)- Filannoo Biyyaalessaa 7ffaa Bara Dhufu Adeemsifamuuf Hojiileen Haal Duree Hojjetamaa Jiraachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Beeksise.
Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarq Hayiluu Qophii Haal-duree Filannoo Biyyaalessaa 7ffaa fi Dhimmoota Kanaan Walqabatan Ilaalchisuun Galaalchotaaf Ibsaniiru.
Boordichi Filannoo Biyyaalessaa Bara 2018 Adeemsifamuuf Hojiilee Haal Duree Garagaraa Hojjechaa Akka Jiru Ibsa Kanaan Baaksisaniiru.
Karoora Tarsiimawaa Boordichaa Kan Waggaa shanii Karoorsuun Hojiirra Oolchuu Ibsanii, Karoorri Tarsiimawaa Kun Utubaalee 6n Caaseffamuusaa Eeraniiru.
Labsii Filannoo Itiyoophiyaa, Galmee Paartilee Siyaasaa fi Naamusa Filannoo Lakk. 1162/2011 Fooyyessuuf Yaadota Ka’umsaa Irratti Qooda Fudhattoota Waliin Mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Dhihaachuusaa Ibsa Kennaniin Eeraniiru.
Yaadota Fooyyessa Labsichaa Keessa Galfaman Keessaa Galmeen Kaadhimamtootaa Guutummaatti Teeknooloojiin Raawwachuu Kan Jedhanii fi Kanneen Biraas Keessa Galfamuu Dubbataniiru.
Buufattoota Filannoo Akka Biyyaatti Jiran Kuma 50 ol Ta’an Filattoottaaf Mijeessuu Akkasumas Qopheessuun Akka Jalqabame ibsaniiru.
Raawwachiiftota Filannoo Kanneen Filannoo Biyyaalessaa 7ffaa Irratti Hirmaatan Filachuunis Karaa Intarneetii taasisuuf Qophiin Taasifamaa Jiraachuu Dubbataniiru.
Paartilee Siyaasaa Waliin Mariin Garagaraa Taasifamuu Eeranii, Keessumaa Kanneen Haaraa Galmaa’aniif Leenjiin Kennamuu Dubbataniiru.
Galmeen Filattootaas Waraqaa Eenyummaa Faayidaa Dabalatee Karaa Gandaa Akkasumas Waraqaalee Eenyummaa Maalummaa Ibsuun Hundaan Akka Raawwatamu Eeraniiru.