Piriimer Liigiin Itiyoophiyaa torban 33ffaan har’a eegala - ENA Afaan Oromoo
Piriimer Liigiin Itiyoophiyaa torban 33ffaan har’a eegala
Caamsaa 25/2017(TOI)-Piriimer liigiin Itiyoophiyaa torban 33ffaa Har’a Eegaluun taphni lama ni gaggeeffamu.
Magaalaan Adaamaa Magaalaa Baahir Daar waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti nitaphatu.
Taphoota Liigichaa darban lama kan Injifate Magaalaan Adaamaa qabxii 32n sadarkaa 16ffaa qabatee Sadarkaa gadii irratti argama.
Injifachuun Magaalaa Adaamaa Liigicha irraa Akka Hinbuune morkii tassisu qabxii murteessaa 3 akka argatu isa dandeessisa.
Morkataansaa Magaalaan Baahir Daar qabxii 48n sadarkaa 3ffaa irratti argama.
Garichi taphoota liigichaa 4n darban injifachuu hin dandeenye.
Galgala sa’aatii 12:00 irratti Magaaln Arbaa Minici Buna Itiyoophiyaa waliin nitaphata.
Magaalaan Arbaa Minci qabxii 39n sadarkaa 11ffaa Irra jira.
Bunni Itiyoophiyaa qabxii 55n sadrkaa 2ffaa irra taa’eera.
Magaalaan Aarbaa Minci Yoo injifate ingifannoo ittifufaa akka galmeessuu isa dandeessisa.
Bunni Itiyoophiyaa yoo injifate garaagarummaan qabxii dursaa ligichaa waliin 5 ta’a.
Sagantaan torban 33ffaa hanga Caamsaa 28/2017tti tura.
Sagantaan Torbee 33ffaa hanga 36ffaa jiran tamsaa kallattiin DS TVn Akka Darbu
waldaan aksiyoona Liigichaa beeksiseera.