Shaampiyoonaan Atileetiksii Dargaggootaa Dirree Dawaatti Adeemsifamaa Ture Xumurame - ENA Afaan Oromoo
Shaampiyoonaan Atileetiksii Dargaggootaa Dirree Dawaatti Adeemsifamaa Ture Xumurame

Caamsaa 24/2017(TOI)- Shaampiyoonaan Atileetiksii Dargaggootaa Waggaa 20 Gadii fi Waggaa 18 Gadii Dirree Dawaatti Adeemsifamaa Ture Olaantummaa Akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaa fi Baankii Daldalaa Itiyoophiyaan Har’a Xumurame.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Caamsaa 18 Bara 2017 Irraa Eegalee Dirree Dawaatti Adeemsifame Irratti Atileetonni Bakka Buutonni Guutuu Biyyaarraa Walitti Dhufan kuma 1 fi 190 Caalan Hirmaataniiru.
Dorgommiiwwan Waggaa 18 gadiin Dorgomamaniin Akkaadaamiin Ispoortii Itiyoophiyaa Olaantummaan Yoo Xumuru, Akkaadaamiin Xurunash Dibaabaa Sadarkaa Itti Aanu Qabachuun Akkasumas Naannoon Oromiyaa Sadaffaa Bahuun Mo’ataniiru.
Dorgommiiwwan Waggaa 20 gadiin Adeemsifamaniin Ammoo Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa tokkoffaa bahuun Yoo Xumuru Machaalii fi Itiyoo Elektiriik Lammaffaa fi Sadaffaa Bahuun Xumuraniiru.
Atileetonni Dorgommicha Mo’atan Shaampiyoonaa Atileetiksii Dargaggoota Afriikaa Adoolessa Dhufu Naayijeeriyaatti Adeemsifamu Irratti Biyya Bakka Bu’uun Akka Hirmaatan Beekameera.
Itti Aantuun Pirezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Masarat Daffaar, Komishinariin Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dawaa Kaaliid Mahaammad fi hooggantoonni Biroon Atileetota Dorgommicha Mo’ataniif Kennaniiru.