Naannoo Oromiyaatti Pirojektoonni Jallisii Xiqqaa fi Jiddugaleessaa 17 Dhuma Bara kanaatti Nixumuramu

Caamsaa  24/2017(TOI)- Pirojektoota Xiqqaa fi Jiddugaleessaa Naannoo Oromiyaatti Ijaaramaa Jiran 51 keessaa 17 Dhuma Bara kanaatti Xumuramanii Tajaajilaaf Akka Oolan Biiroon Jallisii fi Horiisee Bultootaaa Naannichaa Ibse.

Hoogganaan Biirichaa Injiinar Girmaa Raggaasaa Sadarkaa Ijaarsi Pirojektii Hoomaa Hobii Fiinaa Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Daarimuutti Ijaaramaa Jiru Irratti Argamu Daawwataniiru.

Mootummaan Naannichaa Sagantaa ‘Fiinaa Pirojekt’ jedhamuun Naannichatti  Bakkeewwan Gammoojjii fi Horsiisee Bulaatti Hidha Jallisii xiqqaa fi jiddugaleessaa Ijaaruun rakkoo Bishaanii Furuuf Hojjechaa Jiraachuu Eeraiiru.

Bara Bajataa Kanas Ijaarsi Hidha Jallisii xiqqaa fi Jiddugaleessi 51 Godinaalee Naannichaa Garagaraatti adeemsifamaa Jiraachuu Dubbataniiru.

Pirojektiiwwan Jallisii Ijaaramaa Jiran Keessaa 17 dhuma Waggaa Kanaa Xumuramanii Tajaajilaaf Akka Oolan Ibsaniiru.

Ijaarsi Pirojektii Hoomaa Hoobii Fiinaa Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Daarimuutti Birrii Miiliyoona 175niin Ijaaramaa Jiru Erga Jalqabee Waggaa Lama Guutuusaa Eeraniiru.

Ijaarsisaa Harka 37 Irra Jiraatus Murtee Bulchiinsaatiin Akka Xumuramu Hojjetamaa Jiraachuu Dubbataniiru.

Walumaa Gala Godinichatti Hidhi Jallisii Xiqqaa fi Jiddugaleessaa Lafa Heektaara Kuma 2 fi 200 Caalu Misoomsuu Danda’an Hojjetamaa Jiraachuu Itti Aanaan Bulchaa Godinichaa Obbo Mahaammad Xahaa Dubbataniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI#Oromiyaa#Jallisii

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015