Shaampiyoonaan Atileetiksii Biyyaalessaa Dargaggootaa Har’a Xumurama - ENA Afaan Oromoo
Shaampiyoonaan Atileetiksii Biyyaalessaa Dargaggootaa Har’a Xumurama

Caamsaa 24/2017(TOI)- Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 13ffaa Waggaa 20 Gadii fi waggaa 18 gadii 4ffaan Dirree Dawaatti Adeemsifamaa Ture Har’a Xumurama.
Atileetonni dargaggoo fi Bakka Buutonni Naannolee, Magaalota Finfinnee fi Dirree Dawaarraa Dhufan Kuma 1 190 caalan Saala Lamaanuu Akaakuu Ispoortii Garagaraan Hirmaataniiru.
Kaayyoon Dorgommii Kanaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Waggaa 20 gadii fi 18 gadii Baatii Adoolessaa bara 2017 Naayijeeriyaa Akukutaatti Atileetota Itiyoophiyaa Bakka Bu’an filachuu Akka Ta’e Odeeffannoon Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Nimulisa.
Shaampiyoonaan Kun Faayidaa Kanaan Alattis Dargaggoonni Guutuu Biyyattiirraa Dhufan Walitti Hidhamiinsaa fi Tokkummaasaanii Cimsuuf galma Qabatee Adeemsifamaa Tureera.
Shaampiyoonaan Caamsaa 18 Bara 2017 Irraa Eegalee Istaadiyeemii Idil Addunyaa Dirree Dawaatti Adeemsifamaa Ture Har’a Xumurama.
Xumura Shaampiyoonaa Kanarratti Dorgommiin Xumuraa Meetira 1500, Meetira 400 Gufachiisaan, Utaalchi dheerinaa fi Olka’iinsaa Saala Lamaanuu Waggaa 20 fi 18 gadii nidorgomamu.
Meetira 100 Afur ta’uun Ulee Walharkaa fuudhuun Saala Lamaanuu Akkasumas Meetira 100 Afur Ta’anii dhiiraaf Dubartiin Walmakuun Ulee Walharkaa Fuudhuun fi kanneen Biroo Nidorgomamu.