Riifoormiin Invastimantiirratti Taasifamaa Jiru Invatimantiif Haala Mijataa Uumaa Jira

Caamsaa 23/2017(TOI)- Riifoormiin Mootummaan Invastimantiirratti Taasisaa Jiru Invatimantiif Haala Mijataa Uumaa Jiraachuu Komishinariin Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen Ibsan.

Naannoon Oromiyaa Sochii Invastimantii fi Carraalee Invastimantii Ilaalchisee Foramii Taa’eera.

 Pirezdaantiin Naannichaa Shimallis Abdiisa, Ministirri Industirii Malaakuu Allebel, Komishinariin Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen, Hoogganaan Biiroo Invastimanti fi Industirii Oromiyaa Ahimad Idris fi Dureeyyiin Foramicharratti Argamaniiru.

Komishinariin Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen Wayita Kana Akka Jedhanitti, Akka Biyyaatti Invastimantii Jajjabeessuuf Riifoormiin hedduun Taasifameera.

De’eetaan Ministira Industirii Taarreqeny Bulultaa Gamasaaniin, Akka biyyaatti Jijjiiramaan Asitti riifoormiin Invastimantii Damee Industirii Guddaa Dadammaqsuu Kaasaniiru.

Keessumaa Sochiin Itiyoophiyaan Haa’oomishtuu `Industiriin Oomishaa Bu’a qabeessa Akka Ta’u, hudhaaleen Damichaa Akka Furamanii fi Invastimantii Dabalataaf Haala Mijeessuusaa Beekaisaniiru.

Hooggantuun Biiroo Lafa Oromiyaa Masarat Asaffaa Akka Jedhanitti, Biirichi Biiroo Invastimantii Waliin Qindoominaan Hojjechuun Inastaroonni Naannichatti Invast Akka Godhan Haalli Mijataan Uumameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015