Ijaarsi Pirojektootaa Gaaffii Bu’ura Misoomaa Hawaasaa Deebisan Magaalaa Naqamteetti Hojjetamaa Jiru

Caamsaa 23/2017(TOI)- Ijaarsi Pirojektootaa Gaaffii Bu’ura Misoomaa Hawaasaa Deebisan Magaalaa Naqamteetti Si’achaa Akka Jiran Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalichaa Obbo Tamasgeen Mirreessaa Beeksisan.

Hojiileen Ijaarsaa Qonna Magaala Cimsuuf Jalqabaman Xumuramaa Akka Jiran himameera.

Pirojektoonni Kunneen Bajata Birrii Miiliyoona 400 caaluun Ijaaramaa Akka Jiran Kantiibichi Ibsaniiru.

Baay’inni Pirojektootaa Afurtamaa Ol Akka Ta’an Himaniiru.

Pirojektoota keessaa Daandiin Keessoo, Ibsaa Daandii, Kobilistoonii, Riqichoonni Akka Keessatti Argaman Eeraniiru.

Ijaarsa Pirojektootaa Kanaan Dargaggoonni Kuma lamaa Ol Carraa Hojii Argachuusaanii beeksisaniiru.

Pirojektoonni Kunneen Bajata Bulchiinsa Magaalaan Alatti Bajata Naannoo fi federaalaan hojjetamaa jiru Jedhaniiru.

Qonna Magaalaa Cimsuuf Iddoowwan  Misoomni Aannanii, Loon Furdisuu, Lukkuu Hanqaaquu fi Foonii Horsiisuun Itti Hojjetamu Akkasumas Ijaarsi Galma Gabaa Xumuramaa Magaalattiitti Akka Jiran Himaniiru.

Nageenyi Bu’ee Misoomni Hojjetamaa Jiraachuutti Gammaduu Isaanii  Dubbataniiru.

Jiraattota Keesaa Obbo Wanduu Gannatii Yaada Kennaniin, Magaalaa Naqamteetti Nagaan Bu’uusaatiin Misoomaa fi Guddinaaf Haalli Mijataan Uumamuusaa Ibsaniiru.

Mootummaan Hawaasa waliin Ta’uun Hojjechuusaatiin Misoomni ittifufuu Kaasanii, Nageenyi Akka Cimu Qoodasaanii Bahaa Akka Jiran dubbataniiru.

Obbo Iintoo Cawwaaqaa Gamasaaniin, Naqamteetti Nagaan Bu’ee Guddina Abdachiisaarra Akka Jirtu Ibsaniiru.

Ijaarsi Bu’ura Misoomaa fi Carraan Hojii Dargaggootaaf Uumamaa Jiru Cimee Akka Ittifufu Yaada Kennaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015