Rakkoolee Damee Invastimantii irratti Mul’atan Furuun Naannichi Invastimantiif Filatamaa Taasisuun Danda’ameera-Obbo Shimallis Abdiisaa

Caamsaa 23/2017(TOI)- Rakkoolee Damee Invastimantii irratti Mul’atan Furuun Naannichi Invastimantiif Filatamaa Taasisuun Akka Danda’ame Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa Ibsan.

Biiroon Invatimantii Fi Industirii Oromiyaa Sochii fi Carraalee Invastimantii Naannichaa Irratti Fooramii Taa’aa Jira.

Pirezdaantiin Naannichaa Shimallis Abdiisa, Ministirri Industirii Malaakuu Allebel, Komishinariin Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen, Hoogganaan Biiroo Invastimanti fi Industirii Oromiyaa Ahimad Idris fi Dureeyyiin Foramicharratti Argamaniiru.

Foramichi Humna Invastimantii Naannichaa Bal’isuuf Kan Akeekame Yoo Ta’u Kanneen Hojii Uumaniif carraalee Invastimantii Bal’aa Uumuufis Kan Akeekame Akka Ta’e Eerameera.

Obbo Shimallis wayita Kana Akka Jedhanitti, Waggoottan Darban Dinagdee Biyyaa Bu’ura cimaarra dhaabuuf Motummaan Hojiilee hedduu Hojjechaa Jira.

Naannicha Invastimantiif mijataa Taasisuuf Hedduu hojjetamuu ibsanii, fooyyessi Imaammataa fi Tarsiimoo Taasifamuu Eeraniiru.

Rakkoolee Bu’ura Misoomaa, Dhiheessii Anniisaa, Faayinansii fi Kenniinsa Tajaajilaarra Jiran Furuun Akka Danda’ames Fakkeenya Kaasaniiru.

Invastimantii Naannichaa Caalaatti Guddisuuf Hojii Hojjetame Keessaa Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa Hundaa’ee Hojiitti Galuu Eeraniiru.

Ministirri Industirii Malaakuu Allebel Gamasaaniin, Humna Invastimantii Akka Biyyaatti Guddisuuf Mootummaan riifoormiin Dinagdee Gooroo Haala Invatimantii Mijataa Uumuusaa dubbataniiru.

Kun Ta’uunsaa Invastimantii Biyya Keessaa fi Biyya Alaa Hawachuun qooda Guddaa Bahaa Jira Jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015