Itiyoophiyaan Riijinicha humna haaromfamaan walqabsiisuun galmoota Ardii milkeessuuf qooda olaanaa bahaa jirti-Ministira Dr. Injiinar, Habataamuu Ittafaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Riijinicha humna haaromfamaan walqabsiisuun galmoota Ardii milkeessuuf qooda olaanaa bahaa jirti-Ministira Dr. Injiinar, Habataamuu Ittafaa

Caamsaa 23/2017(TOI)-Itiyoophiyaan riijinicha humna haaromfamaan walqabsiisuun galmoota Ardii milkeessuuf qooda olaanaa bahaa jiraachuu ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr.Injiinar Habataamuu Ittafaa ibsan.
Bara baajatichaa baatiiwwan saglan darbanitti humna ibsaa biyyoota ollaa fi kaampaaniiwwan kiriptoo maayiningiif dhihaataniin galiin doolaara miiliyoona 220 ol argamuu dubbataniiru .
Gamtaan Afriikaa Ajandaa 2063 Ardii Badhaate uumuuf galma qabate keessaa tokko yaadama paan Afriikaa haaromsa Afriikaa irratti kan bu’uureffate Ardii qindaa’aa uumuun tokko dha.
Yaadamoonni kunneen karaa ittiin dhugooman keessaa bu’uuraalee misoomaa walitti dhufeenya biyyootaa kan cimsan diriirsuu yoo ta’u, Itiyoophiyaan Ardiilicha bu’uuraalee misoomaa haaromfamaaniin walitti hidhuun shoora gaggeessummaashee bahaa jirti.
Dhimmicha irratti TOI waliin turtii kan taassisan Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa qabeenya jiran keessaa tokko qabeenyaa bishaanii ta’uu ibsaniiru.
Qabeenya Bishaanii misooma humna Haaromfamaaf fayyadamuuf hojjechaa jiraachuu dubbatanii, humna ibsaa haaromfamaa maddisiistu biyyoota ollaaf geessisaa jirti jedhaniiru.
Jibuutiin, Sudaan kibbaa, fi Keeniyaan fedhii humna ibsaa qabaachuusaanii kaasuun gaaffii dhihaate qorannooorratti hundaa’uun deebii kennuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Keeniyaa fi Taanzaaniyaan walitti hidhaminsa humnaa uumuuf madda humnaa Itiyoophiyaatii bu’uura godhachuusaanii kaasuun fuulduratti hanga Afriikaa kibbaatti humna dhiheessuuf walitii Hidhaminsa Ardii uumuuf hojjenna jedhaniiru.
Itiyoophiyaan Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaaf waggoota dheeraaf humna dhiheessaa turuu ishee ibsanii, galiin irraa argamu guddachuu dubbataniiru.
Bara baajatichaa baatiiwwan saglan darbanitti qofaa Kaampaanotaaf kiriptoo kaarensii fi biyyoota ollaaf humna ibsaa dhihaatee irraa galiin doolara miiliyeena 220 ol argamu ibsaniiru .
Kunis baradarbee waktii Walfakkaataan Waliin yoo madaalamu daachaan caala jedhaniiru.
Itiyoophiyaan damee Misooma humna haaromfamaan hojiin hojjechaa jirtu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa irraa adda bahuuf shoora olaanaa bahaa jiraachuu kaasaniiru.
Biyyoonni ollaa fayyadamoo annisaa magaariisaa akka ta’anii fi naannoo faalama qilleensaa irraa bilisa taate uumuu akka dandeessisu dubbataniiru.
Biyyoonni bu’uuraalee misoomaa ollaaf dhiheessan galii argamsiisuu irra darbee Hawaasa Riijinichaa fedhii waliin misoomsuu qaban milkeessuuf faayidaa hedduu qaba jedhaniiru.
Itiyoophiyaan walitti hidhaminsa Anniisaa uumuun dhimmoota waliinii irratti dhageettii qabdu guddisa jedhaniiru.
Hojiin kun waliin misoomuu fi waliiin guddachuuf , akkasumas galmi Ardii akka dhugoomuuf qooda guddaa qabaachuu ministirichi dubbataniiru.