Itiyoophiyaatti Damee Invastimantii Caalaatti Guddisuuf Hojjetamaa Jira

Caamsaa 23/2017(TOI)- Itiyoophiyaatti Damee Invastimantii Caalaatti Guddisuuf Hojiiwwan Garagaraa Hojjetamaa Jiraachuu Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa Beeksise.

Komishinichi Waltajjii Maree Waloo Raawwachiiftota Invastimantii Federaalaa, Naannolee, fi Bulchiinsa Magaalotaa Magaalaa Asoosaatti Taa’aa Jira.

Itti Aanaan Komishinarii Komishinii Invastimantii Obbo Dagatoo Kumbee Waltajjicharratti Akka Jedhanitti, Mootummaan Damee Invastimantii Guddisuuf Hojiiwwan Garagaraa Hojjechaa Jira.

Dureeyyiin Biyya Keessaa fi Biyya Alaa Invast Akka Godhan Seerotaa fi Hojmaattota Fooyyessuun Hojiin Riifoormii Hojjetamuu Ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Carraalee Invastimantii Qabdu Waltajjiiwwan Garagaraatti Beeksisaa Akka Jirtu Dubbataniiru.

Qaqqabummaa Invastimantii Bu’a Qabeessa Bal’isuuf Naannolee Hundatti Dhaabbilee Garagaraa Waliin Qindoominaan Gaggeessuun Akka Barbaachisu Dubbataniiru.

Itti Waamamaan Mootummaa Olaanaan Naannoo Beeniishaangul Gumuz Obbo Isaaq Abdulqaadir Gamasaaniin, Invastimantiin Naannichaa Akka Cimu Dureeyyii Waliin Qindoominaan Hojjetamaa Akka Jiru Ibsaniiru.

Dilbii Uumamaa Naannichtti AArgaman Misoomsuun Naannicharra Darbee Gumaacha Ijaarsa Biyyaaf Gumaachaa Jiru Caalaatti  Itti fufsiisuuf Mootummaan Naannichaa Kutannoo Akka Qabu Dubbataniiru.

Rakkoolee Damee Kanarra Jiru Sirreessuun Naannawa Invastimantiif mijatu Uumuuf Hojjetamaa Jiraachuu Kan Ibsan Ammoo Hoogganaa Biiroo Industirii fi Invastimantii Naannichaa Obbo Amantee Geshiidha.

Waltajjichi Magaalaa Asoosaatti Taa’amuunsaa Carraalee Invastimantii Naannichaa Beeksisuuf Akka Gargaaru Dubbataniiru.

Waltajjichi Guyyoota Lamaaf Akka Turu Beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015