Hojiilee Eegumsa biyyoo fi bishaanii Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Biyyoon Akka hinguutamne Gochuuf Hojjechaa Jirru Cimsinee Itti Fufna-Waldaalee Siviikii

Caamsaa 22/2017(TOI)- Hojiilee Eegumsa biyyoo fi bishaanii Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Biyyoon Akka hinguutamne Gochuuf Hojjechaa Jirru Cimsinee Itti Fufna jechuun Beeksisan Waldaalee Siviikii.

Waajjirichi Mata Duree “Karoora Tokko Gabaasa Tokko Misooma Sulula Abbayyaa Qindaa’aaf Qooda Waldaalee Siviikii jedhuun” qaamolee dhimmi Ilaallatu Waliin Marii Taasiseera.

Daarektarri Olaanaa Waajjirichaa Dr. Aragaawii Barhee Wayita kana, Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddichi Qabeenya Biyyaa Itiyoophiyaanonni Hiyyuma Jalaa Bahuuf Kutannoo isaanii Qabatamaan Itti Agarsiisan Ta’uu dubbataniiru.

Ummannii fi Mootummaan Waggoota 14 Darban Walta’uun Ijaarsi Hidha Haaromsaa galma Akka Gahu qooda Olaanaa Bahuusaanii Eeraniiru.

Ummanni Hidha Haaromsaaf Beekumsa, Maallaqa, Dippilomaasii Akkasumas Kanneen Biroon Gumaacha Olaanaa Akka Jiru Beeksisaniiru.

Hidhi Haaromsaa Biyyoon Akka Hinguutamne Hojiilee Eegumsa Biyyoo fi Bishaanii Akka Biyyaatti Hojjetamu keessatti Waldaaleen Siviikii Gumaacha Taasisan Akka cimsan Gaafataniiru.

Daarektarri Olaanaa Konseriyeemii PH Itiyoophiyaa Indaashaawu Mogosee, Dhaabbatichi Naannawoota biyyattii Garagaraa keessatti Hojii eegumsa Biyyoo fi Bishaanii Bu’a qabeessa Hojjechaa Akka Jiru Dubbataniiru.

Dhaabbanni Deebisanii Dhaabuu fi Misoomaa Amaaraa Lafa Biyyoon Irraa Dhiqame Kunuunsuuf, Baay’ina Muka Biyyattii Guddisuuf, Hojiileen Misoomaa Sulula Abbayyaa fi Naannawoota Birootti Hojjetaman Akka Milkaa’an Qoodasaa Bahaa Akka Jiru Ogeessi Dhaabbatichaa Dr. Mokonnin Alleheny Dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015