Rakkoon bishaan dhugaatii waggaa dheeraaf ture yeroo ammaa nuu furameera -Jiraatota magaalaa Dodolaa fi Asaasaa - ENA Afaan Oromoo
Rakkoon bishaan dhugaatii waggaa dheeraaf ture yeroo ammaa nuu furameera -Jiraatota magaalaa Dodolaa fi Asaasaa

Caamsaa 22/2017(TOI)–Jiraattonni Magaalota Asaasaa fi Dodolaa rakkoon dhiheesi bishaan dhugaatii qulqulluu kanaan dura waggaa dheeraaf ture yeroo ammaa furamuufii himan.
Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Asaasaa Dodolaas dhiheesii bishaan dhugaatii qulqullu kana caalaatti fooyyesuuf hojjecha jiraachuu beeksiseera.
Jiraataa magaalaa Dodola kan ta'an Hojii Hasanoo Qeebaloo Biiroo bishaanii fi inajii Oromiyaatti Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Asaasaa Dodolaa osoo hin hundaa'in dura jiraatonni magaalichaa bishaan dhugaatii barbaacha karaa dheera deemanii lagaa waraabanii fayadamaa turuu himaniru.
Amma garuu magaalaa Dodolaa dabalatee gandoonni naannaawwa ishee bishaan dhugaatii qulqulluu gahaa argachaa jiraachuu dubbataniiru.
Jiraataan magaalichaa kan biraan Hojii Kadir Gammadaa jiraattonni magaalaa Dodolaa kanaan dura rakkoo dhiheesii tajaajila bishaan dhugaatiin baay'ee dararamaa turuu eeranii, amma garuu hundeerraa waan furameef tajaajila quubsaa argachaa jiraachuu himaniiru.
Jiraataa magaalaa Asaaasaa kan ta'an obbo Mahaammad Kadir gama isaaniin, magaalichatti piojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu hojjetamanii tajaajila kennuu eegalan rakkoon dhiheesii kanaan dura magaalaan kun qabdu salphisuu eeraniru.
Lakkoofsi uummtaa Buleetuma dabalaa deemuu fi sababa rakkoo tekinikaan darbee darbee addaan ciccitus har'a rakkoon akka kanaan duraa dhiheesii bishaan dhugaatii qulqulluun magaalicha keessa akka hin jirre himaniiru.
Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaatti hojii Dhaabanni Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Asaasaa Dodolaa hojjeteen hawaasni Magaalota kanneenii fi gandoota magaalota ollaa kanneenii tajaajila bishaan dhugaatii fulla’insaan akka argatu taasifamuu Hojii Geggeessaan Dhaabbatichaa Injiinar Jawaaroo Dhaqqaboon himaniiru.
Osoo dhaabbanni kun hin hundaa'iin dura magaalota kanneenitti rakkoon bishaanii cimaan turuu eeraniiru.
Erga Dhaabbatichi bara 2015 hundaa'ee as humna dhaabbatichaa cimsuun hojii hojjetamaa jiruun rakkoon dhiyeessii tajaajila bishaan dhugaatiirratti ture sadarka amma jirutti furmaata argachuu ibsaniiru.
Rakkoo dhiheesii bishaan dhugaatii kana furuuf Pirojeektoonni lama hojjetmu himaniiru
Pirojeektonni kunneen bara darberraa eegalee magaaloota 2 fi gandoota baadiyyaa
naannaawwa magaaloota kanneen jiran 9 keessatti karaa quubsaa ta'een tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasaf dhiheessa jirachuu eeraniiru.
Pirojeektonni kunneen waggaa 10'f haala kanaan uummata magaaloota lamaaniif bishaan dhugaati qulqullu dhiheesuu akka danda'an yaadamee qopha'uu eeraniiru.
Baay’inni Ummataa Dabalaa Jiruu fi fedhiin dhiheesii jiru caalaatti guutuuf akkaataa labsii mootummaan naannoo Oromiyaan galii maddisiisuun of danda'ee pirojeektota haaraa ijaaruuf dhabbatichi hojjecha jiras jedhaniiru.
Haaluma kanaan Dhaabbanni tajaajila bishaan dhugaatii fi dhangala'aa Asaasaa Dodolaa buufata boba'aa tokko, magaalaa Asaasaatti hundeesuun galii, maddisiisuu jalqabuu himaniiru.
Dabalataan qabeenya naannootti argamu fayyadamuun galii maddiisuuf hojii oomisha damma mala ammayyaan hojechuu jalqabamuu eeraniiru.
Dhaabbatichi galii ofiisaa maddisiisuun rakkoo dhiheesii bishaan dhugaatii furuuf cimee hojjecha jirachuu eeraiiru.