Godina Wallagga Lixaatti Pirojektoonni Bu’ura Misoomaa Garagaraa Tajaajilaaf Nibanamu

Caamsaa 22/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti Pirojektoonni Bu’ura Misoomaa Garagaraa 276 Tajaajilaaf Akka Banaman Bulchiinsi Godinichaa Beeksise.

Tti Aanaan Bulchaa Godinichaa Gammadaa Tafarraa Akka Ibsanitti, Pirojektoonni Bu’uraalee Misoomaa Dursanii Jalqabamanii fi Bara bajataa Xumuramaa Jiru Kana Keessa  Eegalaman Xumuramaa Jiru.

Ijaarsi Pirojektootaa Baasii Mootummaa fi Hirmaannaa Ummataa Birrii Biiliyoona 1 caaluun Hojjetamaa Akka Jiru Dubbataniiru.

Pirojektoonni Kunneen 276 Yemmuu Ta’an Nageenyi hojiin Pirojektootaa akka Saffisu Taasisuu Dubbataniiru.

Ijaarsa Pirojektootaa Xumura Bara Bajataa Kanatti raawwachuuf Tumsi Taasifamaa Akka Jiru Dubbataniiru.

Pirojektoota Bu’ura Misoomaa Tajaajilaaf Ooluuf jedhan Keessaa Riqichi, Daandiin, Manneen Barnootaa, Dhaabbileen Bishaan Dhugaatii Qulqulluu, Pirojektoonni Misooma Jallisii fi Kanneen Biraa Keessatti Argamu.

Hojii Pirojektoota Kanneeniin Namoota kuma 20 Caalaniif Carraan Hojii Dhaabbataa fi Yeroon Uumamuu Dabalanii Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015