Misoomni Kooriidarii Magaalaa Jimmaatti Hojjetamaa Jiru Sochii Tiraafikaa Mijeessuun Olitti Carraa Hojii Nuuf Uumeera

Caamsaa 22/2017(TOI)- Misoomni Kooriidarii Magaalaa Jimmaatti Hojjetamaa Jiru Sochii Tiraafikaa Mijeessuun Olitti Carraa Hojii Uumuusaanii Jiraattonni Magaalichaa Ibsan.

Jiraattonni Magaalichaa TOIf Yaada Kennaniin Misoomni Kooriidarii Magaalichaa Magaalatti Qulqulluu, iidhagduu fi Mijattuu Gochuun Bifa Haaraa uumeeraaf.

Kaafteeriyaa fi Suuqiin Sababa Misooma Kooriidariin Ijaaraman Carraa Hojii Dabalataa Uumuusaanii Dubbataniru.

Sababa Misooma Kooriidarii Ijaarameen Kaaffee Bunani Ammayyaa Itti Gurguramu keessa Kan Hojjetan Obbo Makaaram Abbaa Diggaa, Keessummoonni Hedduun Jimma Waan Dhufaniif Bakka Buna Jimmaa Itti Dhamdhaman Uumneerra Jedhaniiru.

Hojiin Kun Misooma Kooriidariin Kan Dhufe Ta’uu ibsanii, Carraalee Hedduu Hordofsiisee Dhufuusaa Dubbataniiru.

Misooma Kooriidarii Hojjetameen Daandiin Magaalaa Bal’atanii Sochii Tiraafikaaf Mijataa Ta’uu Eeranii, Deemsa Lafoof Mijataa Akkasumas Sochii Tiraafika Kan Mijeessu Waan Ta’eef Yaaddoon Balaa Hir’ateera Jedhaniiru.

Jiraataan Magaalichaa Abduraazaaq Naasir, Misooma Kooriidariitiin Daandiin Bal’ataniiru, Daandiin Konkolaataa fi Lafoo Akkasumas Daandiin Bishkileetii Adda Waan Bahaniif Yaaddoon Balaa Hir’ateera Jedhaniiru.

Jimmi Hojii Mukaa, oomisha Bunaa Akkasumas Dammaa fi Dhadhaan Kan Beekamtu Ta’uu Eeraniiru.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar, Magaalaa Jimmaa Miidhagsuu fi Jiraattotaaf Mijattuu Taasisuuf Hojiin Misooma Kooriidarii Hojjetamaa Jiraachuu Dubbataniiru.

Hojii Misooma KooridariiHatattamaan Hojjetamaa Jiruuf Hawaasni Magaalaa Jimmaa Tumsa Isaa Agarsiiseera Jedhaniiru.

Boqonnaan Jalqabaa Misooma Kooriidarii Xumuramaa Jiraachuu Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015