Hojiin Eegumsa Biyyoo fi Bishaanii Naannoo Oromiyaatti Hojjetame Lafti Miidhame Qonnaaf Akka Oolu Gochaa Jira - ENA Afaan Oromoo
Hojiin Eegumsa Biyyoo fi Bishaanii Naannoo Oromiyaatti Hojjetame Lafti Miidhame Qonnaaf Akka Oolu Gochaa Jira
Caamsaa 21/2017 (TOI)፡- Hojiin Eegumsa Biyyoo fi Bishaanii Naannoo Oromiyaatti Hojjetame Lafti Miidhame Qonnaaf Akka Oolu Gumaacha guddaa Taasisaa Akka Jiru Biiroon Qonnaa Naannichaa Ibse.
Itti Aanaan Hoogganaa Biiroo Qonnaa Naannichaa Eliyaas Kadir, Bona Baranaa Hawaasa Hirmaachisuun Lafa Heektaara Miiliyoona Sadii Irratti Hojiin Eegumsa Biyyoo Fi Bishaanii Hojjetamuu Dubbataniiru.
Hojiin Eegumsa Biyyoo fi Bishaanii Lafa Kanaan Dura Miidhame Misoomatti Galchuun Deeggarsa Olaanaa Taasisaa Akka Jiru Ibsaniiru.
Keessumaa Hojiin Misooma Sululaa Naannawa Harargeetti Hojjetame Gaarren Faayuun alatti Hojiilee Wabii Nyaataa Qonnaan Bulaa Naannwaa Mirkaneessuuf Eegalaman Deeggaraa Akka Jiru Dubbataniiru.
Hojiin Misooma Sululaa Bakka Kanaan Dura Hinhojjetamnetti fakkeenyaaf Godina Jimmatti Bal’inaan Hojjetamaa Akka Jiru Kaasaniiru.
Qonnaan Bultota Godina Jimmaatti Misooma Sululaa Irratti Hirmaatan Keessaa Rashaad Abbaa Bulguu, Baatii Sadan Darbaniif Qonnaan Bultoota Biroo Waliin Tumsuun Bakkeewwan Lolaan Miidhaman Irratti Hojii Eegumsa Biyyoo fi Bishaanii Hojjechuusaanii Dubbataniiru.
Kanaan Dura Hojiilee Eegumsa Biyyoo fi Bishaaniif Xuyyeeffannoon Waan Hinkennamneef Lafti Irraangadee Dhiqama Biyyoof Saaxilamuun Hanqinni Oomishaa Isaan Mudachuusaa Kan Dubbatan Qonnaan Bulaa Godina Jimmaa Mulaatuu Gaashaawu Jedhamu.
Rakkoo Kana Furuuf Hojii Eegumsa biyyoo fi Bishaanii Mootummaan Qiyyaase Hojjechuun Oomishni isaanii Akka Dabalu Gochuusaa Dubbataniiru.