Afriikaan furmaata Jijjiirama Qilleensaa Idil Addunyaa dhiheessuun qooda gaggeessummaashee bahuu qabdi - ENA Afaan Oromoo
Afriikaan furmaata Jijjiirama Qilleensaa Idil Addunyaa dhiheessuun qooda gaggeessummaashee bahuu qabdi

Caamsaa 21/2017(TOI)-Afriikaan furmaata Jijjiirama Qilleensaa Idila Addunyaa dhiheessuun qooda gaggeessummaashee bahuu akka qabdu de’eetan Ministira pilaanii fi Misoomaa Siyyum Mokonnin ibsan.
Mariin Garee Teekniikaa Foramii Dinagdee Jijjiirama Qilleensaan Hinmiidhamnee Qopheessummaa Ministreera Pilaanii fi Misoonaa fi Tumsa Embaasota Noorweey Fi Ingiliz Finfinneetti Argamaniin Qophaa’e Taa’amaa Jira.
Qaamoleen Mootummaa, deeggartoonni Misoomaa fi qooda fudhattoonni Maricharratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, yaa’ii jijiirama qileensaa Afriikaa 2ffaa Qaammee bara 2017 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu Ilaalchisuun marii’chaa jiru.
De’eetaan Ministiraa Pilaanii fi misoomaa Siyyum Mokonnin saganticha irratti akka jedhanitti, jijjiiramni qilleensaa gara fuulduraatti sodaa qofa osoo hin ta’iin yeroo ammaa rakkoo hordofiisaa kan jiru mudannoo addunyaati.
Itiyoophiyaan walga’ii hoggantootaa Gamtaa Afriikaatti irratti yaa’ii jijiirama qilleensaa Afriikaa keessummeessuuf filatamuu ishee yaadachiisanii, yaa’ichi qormaata Jijjiirama Qilleensaa Damdamachuuf Afrikaanonnii fi Hawaasni Idil Addunyaa kan irratti marii’atu akka ta’u dubbataniiru.
Afriikaan furmaata jijjiirama qilleensa Idil Addunyaa dhiheessuun qooda gaggeessummaa ishee bahu qabdi jedhaniiru.
Yaa’ichi Hojiilee Itiyoophiyaa fi Guutuu Afriikaatti jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeessisan agarsiisuu dandeessisa jedhaniiru.