Itiyoophiyaan Sirreeffamtoonni Mirgi Namoomaasaanii Eegamee Beekumsa Seeraa Gabbifatanii Sirreeffamanii Hawaasatti Akka Makaman Hojjechaa Jirti

Caamsaa 20/2017(TOI)- Sirreeffamtoonni Akkaataa Ulaagaa Idil Addunyaa fi Seera Biyyattiin Mirgi Namoomaasaanii Eegamee Beekumsa Seeraa Gabbifatanii Sirreeffamanii Hawaasatti Akka Makaman Itiyoophiyaan Hojjechaa Akka Jirtu Komishinariin Mana Sirreessaa Federaalaa Yeenuus Muluu Ubsan.

Yaa’iin Waloo Komishinaroota Mana Sirreessaa Federaalaa fi Naannoo 19ffaan Mata Duree “Manneen Sirreessaa Yaadama Haaraan Boqonnaa Haaraatti” jedhuun Taa’amaa Jira.

Pirezidaantiin Mana Murtii Walii Galaa Federaalaa Tewoodiroos Mihirat, Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Leellise Dassaaleny, De’eetaan Ministira Haqaa Umad Ujuluu, Komishinarii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Birhaanuu Addeelloo Dabalatee Komishinaroonni Manneen Sirreessaa Federaalaa fi Naannoo fi Keessummoonni Saganticharratti Argamaniiru.

Komishinariin Mana Sirreessaa Federaalaa Yeenuus Muluu Wayita kana Akka Jedhanitti, Fedhii Bururaa Sirreeffamtoota Seeraa Guutuun Milkaa’ina Hojii Sirreessuu Hojjennuuf Gumaacha Guddaa Qaba.

Sirreeffamtoonni Akkaataa Ulaagaa Idil Addunyaa fi Seera Biyyattiin Mirgi Namoomaasaanii Eegamee Beekumsa Seeraa Gabbifatanii Sirreeffamanii Hawaasatti Akka Makaman Itiyoophiyaan Hojjechaa Akka Jirtu Ibsaniiru.

Kanaaf Ammoo Riifoormiin Taasifamuu Ibsaniiru.

Riifoormiin Taasifame Qabannaa Mirga Namoomaarratti Jijjiirama Fideera Jedhaniiru.

 De’eetaan Ministira Haqaa Umad Ujuluu Gamasaaniin, Riifoormiin Waggoottan Toorba Darban Damee Haqaarratti Taasifame Bu’aa Qabatamaa Fiduusaa Ibsaniiru.

Mootummaan Damee Haqaaf Xiyyeeffannoo Kennuusaatiin Manneen Sirreessa Mutrii Mana Murtii qofaan Sirreeffamtoota akka fudhatan Taasifameera Jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015