Dursaan liigichaa Madin Itiyoophiyaan Buna Sidaamaa waliin Nitaphata - ENA Afaan Oromoo
Dursaan liigichaa Madin Itiyoophiyaan Buna Sidaamaa waliin Nitaphata

Caamsaa 20/2017(TOI)- Sagantaan piriimerliigii Itiyoophiyaa Torban 32ffaa har’aa eegalee gaggeeffama.
Taphni Marsaa jalqabaa dursaan garichaa Madin Itiyoophiyaan Buna Sidaamaa Waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yuunversiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti gaggeeffama.
Madin Itiyoophiyaan qabxii 60n liigicha yeroo dursu Bunni Sidaamaa qabxii 46n sadarkaa 4ffaa irratti argama.
Madin Itiyoophiyaan yoo injifate garaagarummaa qabxii Buna Itiyoophiyaa waliin qabu gara sagaliitti ol guddisa.
Tapha liigichaa saddet darbanitti Kan hinMo’amne Bunni sidaamaa yoo injifate daandii injifannootiin akka itti fufu taassisa.
Tapha kilabootaa lamaaniin dorgommiin walgitu Nidaawwatama jedhameetu eegama.
Galgala sa’aatii 12:00tti Magaalan Baahir Daar Magaalaa Arbaa Minici waliin Nitaphata.
Magaalaan Baahir Daar qabxii 48n sadarkaa 3ffaa irratti yoo argamu, magaalaan Arbaa Minici qabxii 36n sadarkaa 13ffaa irra Jiraa.
Tapha liigichaa sadii darbanitti injifachuu kan hin dandeenye Magaalaan Baahirdaar tapha guyyaa Har’aa yoo mo’ate gara injifannootti deebi’a.
Liigichatti erga Mo’atee baatii lama kan lakkoofsise Magaalaan Arbaa Minici injifannicha akka jalqabaatti fayyadamuu isa dandeessisa.
Sagantaa torban 32ffaan hanga Caamsaa 23 bara 2017tti tura.