Godinichatti Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna Dhufu Dhaabamuuf Qophiin Taasifamaa Jira - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna Dhufu Dhaabamuuf Qophiin Taasifamaa Jira

Caamsaa 19/2017 (TOI)- Godina Shawaa Lixaatti Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna Dhufu Dhaabamuuf Boolli Qophaa’aa Akka Jiru Waajjirri Qonnaa Godinichaa Beeksise.
Waajjirichatti Ogeessi Misooma Qabeenya Uumamaa Obbo Guddataa Xuurii,Biqiltuuwwan Garagaraa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ganna Dhufuuf Qophaa’uu Ibsaniiru.
Faayidaan Dinagdee eegumsa biyyee Biqiltuuwwan Waggoottan Darban Dhabaman Kennaa Jiran Ittifufuun Dhaabuuf Kaka’umsa Akka Ittihore dubbataniiru.
Biqiltuu Barana Dhaabamuuf Biqiltuuwwan Hedduun Qophaa’uu fi Boolli Biqiltuus Qophaa’aa Akka Jiru Kaasaniiru.
Biqiltuun Lafa Heektaara Kuma 138 Irratti Akka Dhaabamu Eeraniiru.
Biqiltuuwwan Qophaa’an Biqiltuuwwan Mukaa Kan Akka Waddeessa, Gaattiraa, Ejersa, kanneen biroo fi Kan Muduraawwan Nyaataaf Oolan Avokaadoo, Muuzii, Maangoo fi Muduraalee Biroo Akka Ta’e Dubbataniiru.
Kanneen Keessaa Harki 37 Tuqaa 1 Biqiltuu Muduraa Nyaataaf Oolan Ta’uu Ibsuun, Biqiltuun Kun Buufata Biqiltuu Mootummaa, Waldaalee fi Dhuunfaa Kuma 5tti Akka Ta’e Ibsaniiru.